
MUKA KANA BEEYTUU?
Sanyiin Muka kanaa sagaltu jira. Inni jahaa Maadaagaaskaar qofa keessatti argama. Lama dachii Afriikaa Kibbaa fi Arabiyaa keessatti Argamu. Inni tokko ammoo Ardii Awustraaliyaa keessatti argama. Mukni kun dachii goggogaa fi Rooba hin qabne keessatti guddata. Garuu furdinaa fi guddina isaa yeroo ilaaltan muka gammoojjii keessaa hin fakkaatu. Mukni kun Muka ajaa’ibaati. Gabaabaan isaa Meetira 5 lafarraa kan ol dheeratu yoo ta’u, inni dheeraan ammoo haga meetira 30 dheerata. Muka umrii dheeraa jiraatu keessaallee isa tokko. Akka Qorannoon garagaraa mul’isutti, Sanyiin Muka kanaa Hedduun isaa waggaa 3000 ol jiraatuu danda’a.
Ajaa’ibni muka kanaa Jirmaa fi baala isaa irratti argama. Jirmi isaa akkaan furdaa fi dheeraadha. Jirmi muka kanaa haga meetira 20 dheerata. Kana jechuun baalli isaa Meetira 20’n booda argama jechuudha. Baalli isaa kun yeroo gogiinsi akkaan jabaatutti waan irraa harca’uuf, baalli isaa lafatti harca’e hidda mukaa fakkaata. Sababa kanaaf ‘upside-down tree’ ykn ammoo Muka mataan gombifamee biqile jedhanii waaman. Jirmi isaa haga meetira 20 dheerata isiniin jedhee jira. Kanaaf yoo fageenyarraa laalan, barmeela guddaa fakkaata. Sababa kanaafis ‘bottle tree’ ykn ammoo ‘Muka qaruuraa fakkaatu’ jedhameetis ni waamama.
Jirmi isaa kun ammas wantoota ajaa’ibaa heddu of keessaa qaba. Fakkeenyaaf Mukni Baa’obab kan Zimbaabwee keessa jiru tokko, keessi isaa eddoo ciisicha namoota Afurtamaa ta’uu danda’a. kanaafuu namoonni Zimbaabwee keessa jiran Muka kana keessa isaa bocuudhaan dhimma garaagraaf itti fayyadamutti jiru. Gariin suuqii godhatu, gariin mana jireenyaa godhatu. Mukni Afriikaa Kibbaa keessa jiru ammoo keessi isaa Meetira digdamii lama bal’ata. Mukni kun waggaa 6000 ol akka tures qorattoonni qorannoo carbon date irratti hundaa’anii himu. Jirmi isaa kun ammas faaydaa biraa qaba. Dachiin inni irratti biqilu dachii goggogaa ta’uu isiniif himee jira. Dachii kanarratti yeroo tokko tokko roobni roobuun isaa hin oolamu. Yeroo kanatti Mukni Baobab kun rooba naannoo isaatti roobe heddummeessee xuuxuudhaan bishaan jiru of keessatti kuufata. Avreejiidhaanis Mukni Baa’obaab tokkichi, Bishaan Leetira 100,000 ol kuusuu danda’a. Ilmi namaa fi bineensonni hedduunis bishaan muka kanaa irratti irkatanii jiraatu.- · Sanyiin muka kanaa 9 qofatu jira. 6 Maadagaaskaar, lama Afriikaa fi Arabiyaa tokko ammoo Awustraaliyaa keessatti argama.
- · Sanyiin muka kanaa gariin haga Meetira 30 lafaa ol kan dheeratu yoo ta’u, gubbaa irratti damee fi baalli isaa haga meetira 20 bal’atu ni argama.
- · Jirmi muka kanaa bishaan leetira 100,000 ol kuusuu danda’a.
- · Jirmi isaa kun bal’aa waan ta’eef, akka eddoo jireenyaatti tajaajiluu danda’a.
- · Baalli isaa dawoomaaf oola, firiin isaatis ni nyaattama.
- · Qunceen isaatis faaydaa heddu qaba, daakuun quuncee isaa irraa argamus haphee waa ittiin maxxansan hojjachuudhaaf tajaajila.
VIIDIYOO DAAWWADHU





