header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Tafakkur

Eenyutu Hawaa kana uume?

Uumamni dachii tana dabalatee hawaa guutuu keessa jiru dandeettii fi guddina Rabbii tokkichaa ragaa nuuf baha. Nutis kanuma bu’uura godhachuun barruulee amma dura isiniif dhiheessaa turre hedduu keessatti, namoota jireenya Rabbii  irraa shakkii qabaniif, deebisaa quubsaa ragaan deeggarame akka tahuuf, worroota Rabbitti amananiif ammoo yaadachiisa fi tafakkur akka godhaniif isinii dhiheeysaa turuun keenya ni beekama.  Hardhas in shaa ALLAH, ragaa dabalataa dhiheeysuuf yaalii goona.

Naannawa handhuura lafaatti diyaametriin dachii tanaa kilomeetira 12,756 akka tahe saayintistoonni ni himu. Dachiin tun, sa’aa takka keessatti Kilomeetira 110,000 deemti. Lafti tun baqqaana qilleensa garagaraa shaniin marfamtee jirti. Baqaanni qilleensaa kunis Haydroojiin, Naaytrojiin, Oksijiin fa’a of keessaa qaba. Haaluma walfakkaatuun, dachiin tun saffisa jabaan ofirras naannofti.

Karoorri kiyya waa’ee guddina lafaa, ykna ammoo ajaa’iba waa’ee gaalaaksii isinitti himuudhaa miti. Lafa tana gaalaaksiiwwan birootiin yeroo walbira qabnee ilaallu, akka waan dhukkeen takka gaara Evarast gubbaa buuteetiin wal fakkaata. Fageenyaafi bal’ina Gaalaakasii kanaa akkuma barruu amma duraa irratti ibsametti, lakkoofsaan osoo hin taane, bara ifaatiin  shallagan. Lakkofsi bal’ina gaalaaksii ibsuu danda’u hin jiru. Ilmi namaa lakkofsa akkasiitiif maqaa hin moggaafne.

Warri amantii hin qabne waan heddu haasawu. Rabbitti hin amannu jechuun isaanii waan ajaa’ibaatii miti. Garuu wanti isaan jireenya Rabbii mormaniif, Rabbiin arguu dadhabuu isaaniiti. Warri nuti Rabbitti hin amannu jedhu hedduun isaa, nuti waan ijaan hin mul’annetti hin amannu jedhanii mormu.  Jarri kun Waanuma naannoo isaanii jiru kanniin laalanii hin arganii? Uumamni naannoo isaaniitti argamu kunniin jiraachuu Rabbiitiif ragaa hin ta’uu? Mee madaaluma addunyaa tanaa hin xiinxallanii?

Dhangala’aa biroo wajjiin yoo walbira qabnu, bishaan maaliif wantoota addaa qabaachuu danda’e? Lafti maaliif saffisa saniin, kallatti qajeela tokko irra haala saniin naannawuu dandeette? Aduun fageenya sirrii nuuf malu irra maaliif kaayamte? Hoo’a hagas guddatus akkamitti qabaachuu dandeette? Baqqaanni qilleensaa hoo maaliif elemantoota garagaraa hamma murtaa’aa ta’e qabaachuu danda’e?

Wantoota kanniin xiinxallitanii yoo ilaaltan, uumaan hunda caalu, wantoota kanniin keessatti of ibsaa akka jiru hubattu. Jiraachuu isaatiif wantoonni madaalawaan dachii irra jiran kunniin ragaa dha. Lafti sa’aa takkatti kilomeetira kuma heddutti lakkaawamuun ofirra naannofti. Kanaaf guyyaa tokko keessatti, saa’aa 24 qabaachuu dandeenye.  Osoo saffisni kun gara Kilomeetira 300 gad bu’ee maal akka tahuu malu yaadaa mee? Osoo akkas ta’ee, dheerinni halkanii fi guyyaa dachaa kudhan caala dabala. Hoo’i guyyaa humnaa ol ta’ee, akka waan ibidda harkaan tuqnee nutti fakkaata. Oowwi aduu waan dachii tanarra jiru hunda gubee barbadeessuu danda’a. Qabbanti halkanii ammoo dilallaa’uu bira dabree, waan dachii irra jiru hunda  goggossuu danda’a.

Haalli dachii kanarra jiru hundi, tilmaama sirrii ta’een, shallagamee, uumama dachii tanarra jiran fayyaduuf akka tolutti uumame. Wanti hunduu madaalawaa ta’ee uumame. Wanti hunduu akka nu hin miinetti, akkasumas akka nurraa hin hir’annetti uumame. Nama sammuu qabuuf, ka waa xiinxallee ilaaluu danda’uuf wantoota kanniin keessa mallattoo heddutu jira.

Dhangala’aan jireenya ilma namaatiif akkaan barbaachisu, yeroo qabbanti haalaan dabalu, cabbii ta’ee, yeroo hoo’aa ammoo baqee yaa’a. Bishaan kun madaala murtaawaa ta’e akka qabaatu godhamee uumame. Osoo hoo’i isaa akkaan guddaa ta’ee lubbu qabeeyyiin bishaan keessa galan hundi akka waan ibiddaan bilcheeffaminitti, gubatanii dhuman. Qabbanti isaatis akkaan guddaa osoo ta’ee, uumamni kunniin goggoganii dhabaman. Rabbi garuu madaalawaa godhee uume. Kunis fakkeenya biraati.

Osoo aduun jiraachuu baattee dachii tanarra jiraachuu hin dandeenyu. Aduun haala qilleensaa hunda mijaawaa taasisti. Teempireecharri Aduu irra jiru, digrii kuma 12 ta’a. Fageenyi aduu fi dachii jidduu jiru ammoo kilomeetira Miliyoona 150 ta’a. Fageenyi guddaan kun dhaabbataa dha. Hin dabalus, hin hir’atus. Osoo aduun bakka amma jirtu irraa fageenya walakkaan gad dhihaattee, mukkeenii fi wantootni dachii irra jiran hundi ni boba’an. Ammoo bakkuma amma jirtu irraa dachaan osoo lafarraa fagaattee, lubbuun takkallee dachii tanaratti hin hafu. Laggeeniifi garbi gurguddaan hundi gara cabbiitti jijjiirama. Lubbuun takkallee dachii tanarra hin sochootu. 

Dhugaa tana yoo hubattan, Gooftaan rahmata qabu kan wantoota hunda haala gaarii fi mijaawaan walitti qindeesse akka jirus ni hubattu. Wantoonni kunniin haala gaariin walitti qindeeffamanii, akka nu hin miineef qopheeffaman.

Akkaataan dachiin tun aduu irra ittiin naannoftus fakkeenya biraati. Haalli isiin aduu irra itti naannoftu waqtiin garagaraa akka jiraatu godhe. Kanaaf ilmi namaa yeroo gannaa qotataa, yeroo bonaa ammoo calleeffataa jiraata. Dachiin tun roga sirrii Kanaan osoo naannahuu baattee, Waqtiin bakka hunda jiru, haaluma wal fakkaataa keessa tura. Ganni bakkuma hundatti ganna ta’ee, bonnis akkasuma bakkayyuttu yeroma tokko bona ta’a. Bantiileen lachuu yeroo hunda dukkanaawaa ta’an. Hurki galaanota irraa bahu gara kaabaa fi kibbaa deema. Gaarreen cabbiin guutaman ni babal’atu. Naannoon gariin ammoo gammoojjima ta’a. Wantoota kanniin hunda oolchuuf, dachiin roga sirrii digrii 23.5 irratti naannahuu qabdi.

Baqqaanni qilleensaa kun osoo haphii ta’ee, yookaan ammoo elemantoonni keessa jiran kan biraa osoo tahanii, Urjiileen samii keessaa, saffisa rasaasaa caalaa dacha 90n darbataman, baqqaana qilleensaa kana keessa hulluuqanii bu’uudhaan, dachii irra jirru tana gubanii balleessuu danda’u. Wanti ajaa’ibaa, Baqqaanni qilleensaa kun wantoota uumamaalee dachii irra jiraniif barbaachisaa ta’e qofa gara lafaatti dabarsa.

Uumamni ofuma isaatiin wantoota nu barbaachisan kanniin haala nuu barbaachisuun, madaalawaa godhee nuu kennuu danda’aa? Abadan hin danda’u.

Wanti jireenya ilma namaatiif dachii kana irratti barbaachisu hundi waanuma ajaa’ibaati. Qilleensi keenya kun gaaziiwwan 6 of keessaa qaba. Dhibbeentaan 78 naaytroojiiniidha. Dhibbeentaan 21 ammoo oksijiinii dha. Gaasiwwan kunniin hundi maaliif haala Kanaan murtaawanii kennaman? Oksijiiniin guddatee Naaytroojiiniin maliif hin xiqqaatin? Hunda keessa mallattootu jira.

Wantoonni kunniin hundi isaanii, qajeelfama jabaa tokkoo jala yoo hin jiraannee, uumamni dachii irra jiru kun akkamitti haala mijaawaa Kanaan qindaawuu danda’e? Hundi isaatuu akka waliif tolu ta’ee uumame. Wantoonni kunniin hundi ammoo numaaf uumaman.

Rabbiin guddaan, uumaan dachii fi samii, inni, Ogeessa, Inni hunda caalaa dha, Inni guddaa dha, Inni gara laafaa dha, Inni beekaa waa hundaati, Inni arjaa dha, Inni jaalataa dha, Inni kabajamaa dha, Inni mootii mootummaan isaa zalaalamiiti, Inni abbaa aangoo waa hundaati, Inni ALLAAH,

Kan waan hunda haala nuuf barbaachisuun nuuf uume. Galanni isa haa gahu, ALHAMDULILLAAH!

 Qophii Abu Ibtisam

Back to top button