header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa karoora filannoo irratti qaamolee dhimmi ilaallatu waliin marii geggeessaa jira

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa karoora filannoo bara 2012 baaseen, guyyaan ummanni sagalee kennu Hagayya 10/2012 tahuu ibse. Haaluma kanaan Boordichi guyyaa har’aa paartiilee siyaasaa, waldaalee siiviki fi qaamota dhimmi ilaallatu kanneen biroo waliin, sagantaa bahe irratti kan mari’ataa jiru tahuu ibsame.

Haata’u malee Karoori Boordiin Filannoo baase kun yeroo gannaa irra tahuun isaa, meeshaalee filannoof barbaachisan raabsuu irratti dhibbaa akka qabaatuu fi akkasumas yeroo kun akka biyyattiitti yeroo qonnaa tahuun wal qabatee, duula na filadhaa geggeessuu irratti dhaabbilee siyaasaatiif rakkisaa tahuu mala yaadni jedhu miidiyaalee hawaasaa irratti ka’aa jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button