header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Hoggantoonni Paartii Ginboot Sabaat har’a ganama Finfinnee seenan

Dura Taa’aa Paartii Ginboot 7 Profeesar Birhaanuu Naggaa, Barreessaa Paartichaa Andaargaachawu Tsiggee akkasumas miseensonni fi hooggantoonni paartii kanaa ganama har’aa Finfinnee seenan. Hoggantoonni Paartichaa buufata Xiyyaara Boolee yeroo gahan qondaaltota mootummaatiin simatamaniiru.

 

Profeesar Birhaanuu Naggaa Booletti ibsa kenneen, Jijjiirama biyya keessatti dhufe hordofuun paartiin isaa gara biyyaatti deebi’uu hime. Dabalataanis jijjiirama dhufe kana itti fufsiisuuf mootummaa fi paartiilee Siyaasaa kanneen biro waliin dalaguudhaaf qophii tahuu ibse.

 

Qondaaltonni Paartichaa kunniin gara Istaadiyoomii Finfinnee deemuun deeggartoota isaaniitiif haasaya godhanii jiru. Dura taa’aan paartichaa Profeesar Birhaanuu Naggaa Istaadiyomitti haasaya godheen, Paartiin isaa Filannoo  waggaa lama booda geggeefamuuf kan hin jarjarre tahuu dubbate.Paartiin Ginboot 7 kaampii loltaa Eertiraa keessaa qabu torbee dabre gad lakkisuu beeksisee ture.

ginoot Sabaat

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button