Boris Johnson hogganaa Paartii Britaaniyaa bulchaa jiruu tahuun filatame

Muummittiin Ministeera Britaaniyaa Teresa May taayitaa gad lakkisuuf eega murteessitee booda, Paartiin “Conservative” kan biyyattii bulchaa jiru har’a kantiibaa magaalaa London duraanii Boris Johnson hogganaa haaraya godhuun filate.

 

Haaluma kanaan Boris Johnson Arba’aa dhuftu Teresa May bakka bu’uun aangoo muummicha ministeeraa kan fudhatu tahuun beekamee jira.

 

 

Comments
Loading...