KoroonaaOdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

COVID-19 UPDATE JUNE 01,2020

Ministeerri Fayyaa Sa’aa 24 dabre keessa qoronnoo geggeefameen namoota 85 irratti vaayirasiin koroonaa argamuu beeksise

Ministeerri Fayyaa ibsa Wixata har’aa baaseen, qorannoo laabiraatoorii sa’aatii 24 darban keessatti namoota  2,926 irratti geggeeffameen, namoota 85 irratti vaayirasiin Koroonaa argamuu beeksise.
Namoonni vaayirasichi irratti argame dhiira 51 fi dubartii 34 yoo ta’an, hundinuu lammiilee Ityoophiyaa tahuu ibsame.
Namoota kanneen jidduu 72 jiraattota magaalaa Finfinnee, 3 naannoo Somaalee, 4 naannoo Tigiraay, 5 naannoo Oromiya too tahan, namni tokko ammoo naannoo Amaaraa tahuu ibsi ministeerichaa ni addeessa.

 

Haaluma kanaan Ityoophiyaa keessatti baay’inni namoota Vaayirasii Koronaatiin qabamanii  1,257 kan gahe yoo ta’u, namoonni 217 ammoo dhibee kanarraa fayyuu ibsame.
Dabalataanis ministeerri Fayyaa ibsa har’a baase kanaan, namni tokko du’uu ibse. Haaluma kanaan biyyattii keessatti lakkoofsi namoota sababa vaayirasichaatiin du’anii 12 gahee jira.

Tags
Show More

3 Comments

  1. Maashaa allaah,miseensa miseensa nuralhuda tahu kiyyaaf baay’een gammadee.
    Warra ilmii arkatu rabbiin na haa taasisuu.
    Du’aa’ii nuuf godhaa.

...

Back to top button
Close
Close