header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Kaffaltiin imala Hajjii fi Umraa birrii 22,000 dabaluun ibsame

Galmeen imala hajjii fi Umraa bara kanaa torban dabre keessa kan jalqabame yoo tahu, kaffaltiin bara kanaa kan waggaa dabree caalaa haalaan kan dabale tahuunis beekameera.

Imala hajjii bara kanaa irratti nama tokkoof birrii 98,800 kan barbaachisu yoo tahu, mallaqni imala nama tokkootiif barbaachisu kan waggaa dabree irraa qarshii 22,000 dabale. Dabalataanis galmeen kan geggeeffamu karaa interneetiitiin akka tahee fi kaffaltiin ammoo karaa Baankii biyyoolessa Itoophiyaa fi Baankii Oromiyaa Intarnaashinaaliitiin kan raawwatamu tahuu odeeyfannoon argame ni ibsa.

Kaffaltiin imala Hajjii kun waggaa waggan kan dabalaa dhufe yoo tahu, Hujjajonni biyya keenyaa hajjiif gara Sa’udii yeroo imalan rakkoo hedduuf kan saaxilaman tahuun beekamaadha.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button