header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Daandiin Xiyyaara Ityoophiyaa buufata Boolee keessatti huujjaajota daraaraa jira

Hujjaajonni biyya keenyaa hajjii bara kanaatiif qophii fi kaffaltii isaan barbaachisu hunda xumuranii gara Makkaa imaluuf buufata xiyyaara Boolee keessa eega seenanii booda dararaa hamaaf kan saaxilaman tahuu odeeyfannoon arganne ni ibsa. Hujjaajonni kunniin tikeeta Xiyyaaraa qabatanii guyyaa imala isaanitti gara buufata Boolee kan seenan tahus guyyaa dheengaddaa irraa jalqabee buufaticha keessatti qorraa fi beelaan kan rakkataa jiran tahuun beekameera.

Qondaaltonni dhaabbatichaa imalli Hujjaajota guyyaa sadi guutuu maaliif akka haqame kan isaaniif hin ibsin tahuu fi imaltoota tajaajila iddoo bultii fi nyaataa akka argatan kan hin godhin tahuu gabaasni arganne ni ibsa. Majliisni dhimma hajjii fi umraa geggeessus hooggantoota dhaabbata daandii xiyyaara Itoophiyaa dubbisuun furmaatni akka isaanii kennamu kan hin carraaqin tahuu hujjaajonni ibsanii jiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button