header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Dargaggoonni Magaalaa Awwadaay irraa qabamanii mana hidhaa Dirree Dhawaatti hidhaman ammas mana murtii deddeebifamaa jiru

Dargaggoonni kunniin weerara liyyuu pooliisiin naannoo Somaalee daangaalee Oromiyaa keessatti geggeessan hordofuun, dhalattoota Somaalee magaalaa Awwadaay keessa jiraatan ariitan akkasumas mootummaa fonqolchuu yaaltan himannaan jedhuun, gara mana hidhaa magaalaa Dirree dhawaatti geeffamanii hanga ammaa osoo isaan irratti hin murtaayin mana murtii deeddeebifamaa jiru.

Dargaggoonni 43 tahan guyyaa kaleessaa May 29/2018 mana murtii kan dhihaatan yoo tahu, Abbaan seeraa himannaa isin irratti dhiyaateef Abukaatoo hanga bitattanitti hin ilaalu jechuun dhimma isaanii osoo hin ilaalin kan deddeebisaa jiru tahuu maatiin hidhamtootaa nuuf himan.

Akka maatiin hidhamtootaa nuuf himanitti:
” nuti hardhas jijjiirama tokkoollee hin arginee; yeroo hidhamtoonni hedduun hidhaa irraa hiikamaa jiran kanattis dargaggoonni 86 tahan kan Awwadaay irraa qabamanii magaalaa Dirree Dhawwaatti hidhaman ammas manuma hidhaatti rakkaataa jiru” jedhan.

Namoonni galmee kana jalatti himatamanii hidhaa irratti argaman waluuma galaatti 86 yoo tahan, isaan jidduu kan guyyaa hardhaa mana murtii dhiyaatan immoo 43 qofa tahuus beekameera.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button