header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Darasoonni magaalaa Gindhiiriitti barataa turan gara maatii isaanitti deebifaman

Dhibee Vaayirasii Koroonaa yeroo ammatti tatamsaa’a jiru ittisuuf , manni marii ulamoota Ityoophiyaa, masjidoonni biyyatti keessatti argaman, akkasumas madraasaan barnoota Diin Islaam itti barsiifamaan, yeroodhaaf akka cufaman murteessuun ni yaadatama.

Kanuuma hordofuun kutaa biyyattii gara gaaratti, guyyaa murtiin dabre irraa kaasee ummanni salaata Juma’aa fi Jama’aa manatti salaata jira, akkasumas iddoowwaan barnoonni Diin Islaam itti kennaman cufamuun barattoonni gara maatii isaaniitti akka deebi’an taasifamaa jira.

Haaluma kanaan godina Baalee bahaa magaalaa Gindhiiriitti, ulamoonni fi hawaasni muslimaa magaalaa Gindhiir, tatamsaa’a dhibee kanaa ittisuuf manneen barnoota diin Islaam magaalaattii keessaatti argaman kan cufaan yoo tahu, guyyaa kaleessaattis ummata irraa maallaqa walitti qabun, darasoota kutaa biyyattii gara garaa irraa dhufanii magaalaa Gindhiiriitti barataa turan 107 tahaniif, Makiinaa kireeffachuun gara maatii isaanitti akka deebi’aniif kan haala mijeessaan tahuu gabaafame.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button