header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KoroonaaOdeeyfannoo

Guutuu Addunyaatti lakkoofsi namoota COVID-19’n qabamanii 5,000,000 dabre

Hanga arba’aa har’aatti guutuu Addunyaa irraa lakkoofsi namoota dhibee Koroonaa Vaayirasiin qabamanii walumaagalatti 5,045,467 gahe jira, kan du’an 327,462 yoo ta’u, namoonni 1,999,734 ammoo bayyanatanii jiru.

Ameerikaan namoota dhibee kanaan qabaman 1,579,985 qabachuun sadarkaa jalqabaa irratti argamti, akkasumas namoonni 94,181 du’anii jiru. Raashiyaan namoota qabaman 308,705 sadarkaa lammaffaa irratti argamti, kan du’an immoo 2,972, Raashiyaatti aantee Ispeen namoota qabaman 279,524 sadaffaa irratti argamti, kan du’an immoo 27,888 tahuu mirkanaawe jira.

Ameerikaatti ante biyyi lakkoofsa namoota du’anii guddaa qabdu Biritaaniyaa yoo taatu, hanga guyyaa har’aatti namoonni 35,704 Biritaaniyaatti sababa dhibee Vaayirasii Koroonaan du’anii jiru.

Ardii Afrikaatti Afrikaan kibbaa namoota qabaman 18,003, Masri namoota 14,229 fi Aljeeriyaan namoota 7,542 kan qabdu yoo tahu, Masri ardichaatti lakkoobsa namoota du’anii 680 qabachuun dursiti.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button