header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti Komishiinarri ejensii mirga Namoomaa daawwannaaf Itiyoophiyaa dhaqe.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti komishiinarri mirga namoomaa Zayid Ra’ad Al Huseen guyyaa kaleessaa daawwannaa Itoophiyaa keessatti godhu kan jalqabe yoo tahu, yeeroo dawwaanaa isaa kanatti qondaaltota mootummaa, dhabbilee Siyaasaa, manguddoo biyyaa fi qaamota adda addaa waliin kan mari’atu tahuun beekameera.

Jilli Komishiinarichaan durfamu kun Abbootii Gadaa waliin wal arganii jiru.
Ganama carraa kana akka hin arganneef aangawoota mootummaatiin ittifamanii turanillee, Komishiinarichi Abbootii Gadaa argachuun dirqama tahuu waan ibsuu isaatiin, gara galgalaa Abbootii gadaa waliin kan mari’ate tahuu gabaasni arganne ni ibsa. Haaluma kanaa Abbootiin gadaatis carraa argataniin qabxiilee ijoo kaasanii kan hubachiisan tahuun beekameera. Qabxiilee abbootiin gadaa kaasan jidduu: hidhamtootni siyaasa beekamoon qofti akka bahan, hidhamtoonni hanga ammaa bakka buuteen isaanii hin beekamin jiraachuu, namoonni nama yeroo mormii ajjeesan tokkollee seeratti kan hin dhiyaatin tahuu fi Seeronni mirga namaa hacuucan kaafamuu akka qaban kan hubachiisan tahuu gabaasichi ni ibsa.

Dabalataanis ajjeechaa bara 2016 Irreessa irratti raawwatameef itti gaafatamaan mootummaa tahuu isaa fi hanga ammaa qaamni tokkollee seeratti kan hin dhiyaatin tahuu fi waraanaa fi qamoliin tika biyyattii kan saba tokkoo tahuu; kun ammoo hatattamaan yoo hin jijjiiramina muummicha ministeerarra amantee kan hin qabne tahuu Abbootiin Gadaa jila kanaaf ibsa bal’aa kennanii jiru.
Dhaabatichi sarbamiinsa mirgaa mootummaan biyyattii ummata irratti geggeessaa jiru qoratuuf yeroo adda addaatti kan gaafataa ture yoo tahu, mootummaan akka hin seenne dhorkuun ni yaadatama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button