header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Maallaqni deeggarsaa maqaa Lammiilee naannoo Soomalee irraa buqqifamaniitiin baankii seene birrii 1,107,433,879 gahuun ibsame.

(Biiliyoona tokkoof, miiliyoona dhibba tokkoof torbaafi kuma dhibba afuriif soddomii sadihiif, dhibba saddeetiif torbaatamii sagal)

 

Deeggarsi lammiilee Oromoo naannoo Soomalee qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqifamuun iddoo adda addaatti qubsiifamaniif godhamu cimee itti fufee jira. Hanga ammaatti meeshaalee adda addaa kan ummanni gumaachaa jiruun alatti birriin 1,107,433,879.49 (Biiliyoona tokkoof, miiliyoona dhibba tokkoof torbaafi kuma dhibba afuriif soddomii sadihiif, dhibba saddeetiif torbaatamii sagal) baankiitti  galii  tahuu gabaasni Biroo dhimmoota Komunikeeshiinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa irra bahe ni mul’isa.

Deeggarsi lammiilee kanniin deebisaanii ijaaruuf waliitti qabamaa jiru biyya keessaa fi biyya alaatis cimee itti fufee jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button