header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Dr. Abiy Ahmad sirna badhaasa Nobeelii torbee dhuftu geggeeffamu irratti miidiyaaleef yaada kan hin kennine tahuu ibsame

Sirni badhaasa Nobeelii bara kanaa December 10, 2019 Norway magaalaa Oslo keessatti kan geggeeffamu yoo tahu, muummichi ministeera Ityoophiyaa badhaasa Nobeelii Nagayaa bara kanaa injifate, sagantaa miidiyaaleef qophaahe irratti kan hin hirmaanne tahuu ibsame. Daayrektarri Koree Nobeelii Norway Olav Njastad dhaabbata odeeyfannoo Norway NRK jedhamuuf akka himetti, Dr.Abiy sagantaa miidiyaaleef qabame irraa hafuun isaa Inistitiyuutii Nobeelii fi Koree badhaasa Nobeeli Norway kan rifachiise tahuu ibse.
Mr Njastad itti dabaluudhaanis “sgantaalee dhaabbatichi sirna badhaasaa irratti qopheessu jidduu, ibsa miidiyaalee kennuu, akkasumas miidiyaalee Norway fi Idil Addunyaa waliin gaafi fi deebisaa godhuun bakka guddaa kan qabu waan taheef, Dr. Abiy sagantaalee kanneen irratti argamuu dhabuun isaa akka rakkoo guddaatti ilaalama”jedhe.

Haaluma kanaan NRK, BBC fi Aljazeera irratti interview akka kennu sagantaan karoorfamee ture haqamuu ibsame. Haata’u malee qondaaltonni waajjira muummicha ministeera Ityoophiyaa, Dr. Abiy December 11/2019 ibsa gabaabaa kan kennu tahus, gaaffilee gaazexeessitoota irraa kan hin fuune tahuu ibsan.

Daayirakterri Koree Badhaasa Nobeelii akka ibsetti, Dr. Abiy saganticha irratti sababni hin hirmaannef, rakkoolee biyya keessatti isa qunnamaa jiranii fi ilaalcha amantii hordofuutiin kan wal qabatu tahuu mala jedhe.

Qondaaltonni waajjira muummicha ministeeraa dhimmicha irratti yaada galgala kana AP’f kennaniin ammoo, Dr. Abiy hojiilee ariifachiisaa biyya keessaatiin wal qabatee, sagantaalee dhaabbaticha hunda irratti argamuu hin danda’u jedhan.

Badhaasa Noobelii

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button