header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo Biyyaa

Godina Booranaa Aanaa Dirreetti dhibee ‘Kalaazar’jedhamuun namni 20 ol lubbuu dhabuu gabaafame

Dhibeen kun dhibee Tisiisa biyyoo(sand fly) jedhamuun namarraa namatti daddarbu yoo ta’u, aanicha keessatti eega mul’ate bubbuleera.

Dhibee kanaan haga ammatti lubbuu nama 20 ol akka darbee fi namoonni hedduun hospitaalatti kan wal’aanamaa jiran tahuu odeeyfannoon fuula Facebook Waajjira Dhimmoota Komunikeeshinii aanichaa irraa arganne ni mul’isa.

Bulchaan aanichaa Obbo Hasan Huqqaa,
“Dhibeen kun eega mul’atee kan bubbule yoo ta’u, duraan akka furmaatatti wanti fudhatame Uummata bakka sanii godaansiisuu ture, haa ta’u malee kunis furmata tahuu dhabuun hanga ammaatti namni 20 ta’u sababa kanaan lubbuu dhabee jira, namoonni hedduun immoo hospitaalatti argamu”jedhe.

Itti dabaluunis obbo Hasan “qaamoonni dhiimma Fayyaa Uummata irratti hojjatani, kan hanga sadarkaa federaalaatti argamtan, akkasumas dhaabileen gargarsaa nuu birmadhaa, lubbuu Uummata keenyaa nuu baraaraa jechuun”deggarsa gaafate.

Guyyoota murassa dura dhiimma kana irratti, Itti aanaa hogganaa Biiroo Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa Dr, Abdulqaadir Galgaloo kan dubbisne ture yoo tahu,
“Biiroon fayyaa Oromiyaa Ispeeshaalistii garasitti erguun Sumudaa(sample) lafee keessaa waraabuun Hospitaala Adaamaa fi Finfinneetti qoratamaa jira” jechuun nu hime.

NUURALHUDAA
Soora Qalbii Muslimaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button