header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Green Huusii Misaa’ela Baalistikii gara dhaabbata Humna Niiwkularii Emireets dhukaasuu beeksise

Gareen Huusii Misaa’ela Baalaastikii Yaman irraa, gara dhaabbata humna Niiwkularii Emireets magaalaa Abuu Daabii cinatti ijaaraa jirtuutti kan darbate tahuu beeksise.

Gareen Huusii torbaanuma dabre keessa Misaa’ela Baalastikii yeroo lammaffaatiif gara Sa’udii dhukaasee kan ture akka tahes gabaasni kun ni mul’isa. Gamtaan waraana biyyoota Arabaa garee Huusii Iiraaniin deeggaramu Yaman keessatti kan rukutaa jiru yoo tahu, gamtaan kun adda durummaan Sa’udii fi Emireetsiin kan durfamu tahuun ni beekkama.

Gamtaan waraana biyyoota Arabaa kun bara 2015 irraa eegalee Mootumma Yaman deeggaruun finciltoota Huusii Xiyyaarota waraanaatiin rukutaa  jira. Haata’u malee gareen Huusii Magaalaa guddoo biyyatti Sana’aa dabalatee,  kutaa Yaman gara Kaabaa harka caalu too’annaa jala oolfatee jira. Waraanaa Yaman kanaan lammiileen biyyattii kuma hedduun lakkawaman akka du’anii fi kanneen miiliyoonotaan lakkaawwaman ammoo beelaa fi dhibeef kan saaxilaman tahuunis ni beekama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button