header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KoroonaaOdeeyfannoo

Weerarri Vaayirasii Koroonaa haala kamiin sadarkaa ammaa kanarra gahe?

December 31,2019 Mootummaan Chaayinaa dhibeen hin beekamne Magaalaa Wuhaan jedhamtu Keessaatti muldhatu, Biiroo Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) biyyaatti keessatti argamutti gabaase.

January 30,2020tti Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO)’n dhibeen daddarbaan fayyaa hawaasa miidhu uumamuu Addunyaatti angaasse.

February 11,2020tti , Eega dhibeen kun Chaayinaa keessaatti argamu Dhaabbata Fayyaa Addunyaaf gabaafame guyyaa 40 booda, ammas Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa Dhibee haarawa kanaaf, COVID-19 (Coronavirus Disease 2019) jedhe maqaa moggaasuu labse. Guyyaa kanaatti Biyyoota Addunyaa 24 irraa lakkoofsi namoota qabamanii walumaagalatti 43,103 yoo ta’u, san keessaa 42,708 Chaayinaa irraa ture. Lakkoofsi namoota du’anii guutuu Addunyaatti 1,018 san keessaa 1,017 Chaayinaa irraa, namni tokko immoo Chaayinaa ala tahuu gabaafame.

March 11,2020tti ji’a tokko booda Dhibeen kun biyyoota Addunyaa 114 keessatti saffisaan tatamsaa’un namoota 118,000 ol irratti argamuu fi namoota 4291 addunyaa irraa gaalaafatuun gabaafame. Kanuuma hordofuun Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa, Dhibee Addunyaa weerare tahuu labse.

April 11,2020 walumaagalatti guutuu Addunyaa irraa lakkoofsi namoota dhibee kanaan qabamanii 1,610,909 gahu, namoonni 99,690 addunyaa irraa godaanuu gabaasni Dhaabbata Fayyaa Addunyaa WHO irraa argame ni mul’isa.

May 11,2020 lakkoofsi namoota guutuu Addunyaa irraa faalamanii 4,006,257 gahe, akkasumas lakkoofsi namoota du’aanii Immoo 2,78892 tahuu ragaan dhaabbata fayyaa Addunyaa WHO ni addeessa.

June 11, 2020 hanga har’aatti guuttuu Addunyaatti walumaagalatti lakkoofsi namoota qabamanii 10,137,682 ol tahuu fi akkasumas kan namoota du’anii ammoo 502,442 dabruu gabaasni WHO irraa argame ni mul’isa.

Haaluma walfakkaatuun namoonni 5,498,076 ol dhukkuba kana irraa bayyanachuu odeeyfannoon ni mul’isa.

Ardiilee Addunyaa gara garaatti lakkoobsa namoota qabamanii, fayyanii fi du’anii

Ardii Afrikaatti

Afrikaa

Ardii Eeshiyaatti

IMG_20200628_184419_869

Ardii Awurooppaatti

IMG_20200628_184410_225

Mallattoon Koroonaa-vaayras Maal?

1. Oowwi qaamaa ida’uu(Leydaa)
2. Qufaa(akka Diifafaa)
3. Dhukkubbii kokkee
4. Harganuuf cinqamuu fi
5. Qaamni nama dadadhabuudha. Namni mallattoo tana firratti arke dafee maatiin adda if baasuu qaba. Akkasuma manatti Doktora yaammachuu ykn nama eeggachaa tiratee bira dhaquu qaba.
Koroonaa-vaayras irraa baraaramuuf maal godhuu qabna?

1. Deddeebinee harka dhiqachuu
2. Harka nama fuudhuu dhiisuu
3. Hoggaa qufaanuufi haxxifannu mandiila irratti ykn ciqileetti gad jechuu. Abdan shanacha ol kaafnee itti haxxifachuu dhiisuu.
4. Harkaan fuula if qaqqabachuu dhiisuu
5. Bakka namni itti heddummaatu dhaquu dhiisuu. Yoo dirqamne garuu wayta manaa baanu harka, afaanii fi funyaan hagooggachuu.
6. Dhaamsa Haakimoonni dabarsan jala buunee hordofuu. Tasa ammoo yoo dhukkuba kanaan qormaatamne akka namatti gad hin baane. Tasgabboynee Haakimoota qunnamuu qabna.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button