header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Haleellaa finciltoonni Huusii  buufata waraana Yaman irratti raawwattaniin loltonni mootummaa heddu kan ajjeefaman tahuu gabaafame

Haleellaan kun Khamiisa har’aa Kibba Yaman magaalaa Adan keessatti buufata waraanaa Al Jalal jedhamu, kan mootummaa Emreetiin deeggaramu irratti kan raawwatame yoo tahu, qondaala ol’aanaa tokko dabalatee loltoonni muldhisa waraanaa geggeessaa turan 40 ol kan ajjeefaman tahuu AP’n gabaase.

 

Haleellaa buufata waraana  mootummaaYaman irratti Droonii fi Misaa’elaan raawwatame kana gareen Huusii itti gaafatamummaa fudhatee jira. Dubbi himaan finciltoota Huusii akka jedhetti,  gareen isaa buufata waraana Sa’uudii magaalaa Dammaam keessatti argamus misaa’elaan rukutuu hime.

 

Haaluma wal fakkaatuun haleellaa biroo har’a Misaa’elaan buufata Poolisii magaalaa Adan keessatti raawwatameen,  namoonni heddu kan ajjeefaman tahuu Aljaziiraan gabaase.

 

Finciltoonni Huusii Iiraaniin deeggaraman bara 2014 mootummaa Yaman fonqolchuun kutaalee biyyattii heddu kan too’atan yoo tahu, kanuma hordofuun Sa’uudii fi Emreets ammoo mootummaa Yaman deeggaruun biyyaattii keessatti lola geggeessaa kan jiran tahuun ni beekkama.

Haleellaa Adan

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button