header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Manni Maree ADWUI dhimma walitti makamuu Addichaa irratti marii jalqabe

Koreen hojii raawwachiftuu ADWUI walga’ii torbee dabre geggeesseen, dhimma walitti makamuu paartiilee miseensaa addichaa fi paartiilee deeggartootaa irratti eega mari’atee booda, wixinee dambii Paartii haaraya hundeeffamuu kana murtiidhaaf mana marii ADWUItiif dabarsuu ibsee ture. Haaluma kanaan manni marichaatis walga’ii har’a jalqabe kanaan dhimmoota dhiyaatan irratti marii jalqabee jira.
Haata’u malee Paartiilee Miseensa ADWUI jidduu Addi Bilisummaa Ummata Tigraay, TPLF, Xalayaa kaleessa Addichaa barreessen wal gahii mana marii kana irratti kan hin hirmaane tahuu beeksise. TPLF ibsa baaseen ‘ADWUI’n ajandaa walitti baquu irratti mari’atee murteessuuf aangoo seeraafi siyaasaa hin qabu’ jedhe.

Kana malees Ibsi TPLF kun, walga’ii koree hojii raawwachiiftuu ADWUI torbee dabre geggeeffame irratti jalqaba janadaan qabame “bu’aa qorannoo walitti baquu irratti mari’achuu”kan jedhu tahus, ajandaan jedhame hafee kallattiin gara walitti baquu haa ceenuu jechuun murtiin dabarfame seeraan ala ture jedhe.

Walga’iin ADWUI yeroo jalqabatiif miseensa addichaa TPLF malee haala wal xaxaa keessatti geggeeffamaa jiru kun, kallattii addichaa ni akeeka jedhamee eeggama.

ADWUI marii

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button