Hiriirri Mormii Lammiileen Biyya keenyaa biyyoota Awrooppaa jiraatan geggessaan cimee itti fufee jira

Lammiileen biyya keenyaa biyyoota Awrooppaa keessa jiraatan haala siyaasaa Itoophiyaa keessa jiruu fi sarbama mirgaa mootummaan raawwataa jiru kan balaleefataa jiran yoo tahu, guyyaa har’aa magaalaa guddoo Siwiidin kan taate Istookholmii fi biyya Noorweey magaalaa Oslootti hiriirri mormii kan geggeeffame tahuun gabaafame.

 

Hiriirri magaaloota lamaanii kan geggeeffame Parlaamaa biyyoota lamaanii fulduratti yoo tahu, hiriira magaalaa Stockholm keessatti geggeeffame irratti miseensi paarlaamaa Siwiidin tokko kan irratti hirmaate tahuun beekameera.

 

Guyyaa Kaleessaatis biyya Nezerland fi Switzerland keessatti hiriirri walfakkaatu geggeeffamee jira.

Comments
Loading...