header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Aanaa Cinaaqsan Araddaalee heddu keessatti lolli hamaan geggeeffamaa oolu gabaafame

Godina Harargee bahaa aanaa Cinaaqsan gandoota adda addaa keessatti waraanni naannoo Somaalee weerara hamaa geggeessaa jiraatuu odeeffannoon naannawa irraa nu gahe ni addeessa. Weerara ganama har’aa zoonii Makkanisaa araddaa Ciirilee keessatti waraanni liyyuu poolisii geggeesseen namni lama kan ajjeefame tahuu jiraataan naannawa sunii nuuf hime.
Akka jiraataan kun jedhetti, haalli nageenyaa aanaa Cinaaqsan keessa jiru hedduu yaaddessaa tahuu fi torbee kana keessa gandoota heddu keessatti namoonni waraana liyyuu poolisiin ajjeefamanii jiru, akkasumas namoonni hedduun mada’aanii jiru. Haaluma walfakkaatuun Araddaa tiroo keessatti buufatni Fayyaa kan gubamee akka tahee fi ganama har’a araddaa Cirilee keessatti namoota lamaan ajjeefamaniin alattis namoonni jaha ammoo madaahanii Hospitala Hiywoot Fanaatti wal’aanamaa jiraatuu nuuf ibse.

Walumaa galatti Ji’a kana keessa gandoota aanaa Cinaaqsan keessatti namni ajjeefame 15 ol akka tahee fi akkasumas namoonni 48 ol ammoo kan madaa’an tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

#Aanaa_Cinaaqsan

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button