header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Hogganaan Kooriyaa Kaabaa gara Raashiyaa imaluun prezdaant Viladmiir Putiin waliin mari’ate

Hoggantoonni lamaan Khmiisa har’aa magaalaa Vladivostok jedhamtu keessatti  mariiin geggeessan dhimma Niwkilarii Kooriyaa kaabaa irratti kan xiyyeeffate tahuu odeeyfannoon ni addeessa. Prezdaant Kim Jong-un fi Viladmiir Putiin  marii kophatti cufataanii geggeessaniin booda jila isaaniitiif ibsa walii gala kennanii jiru.

 

Haaluma kanaan Kim Jong-Un ibsa  kenneen, mariin yeroo jalqabatiif Putiin waliin kallattiin geggeesse wal hubannoo cimaa kan uume akka taheefi, mariin kun fuuldurattis kan itti fufu tahuu hime. Prezdaant Putiin gama isaatiin, Koriyaa lamaan jiddutti nageenya dhufaa jiru mirkaneessuuf carraaqqii Kim Jong-Un godhaa jiru kan dinqisiifatu tahuu dubbate. Dabalataanis Raashiyaa fi Kooriyaa kaabaa jiddutti wal amantaa cimsuudhaaf, ujummoo boba’aa diriirsuu fi daandii Baaburaa biyyoota lamaan wal qunnamsiisu ijaaruuf kan walii galan tahuu ibse.

 

Viladmiir Putiin dhimma ijoo marii kanaa ilaalchisee yaada kenneen, Niwkilarii Kooriyaa Kaabaa ilaalchise yaada  Kim Jong-un waliin mari’ate irratti, Foramii Belt Road guyyaa boruu Beejingitti jalqabamu cinatti prezdaantii Chaayinaa waliinis kan mari’atu tahuu dubbate.

 

Ameerikaa fi Kooriyaan Kaabaa dhimma Niwkilarii irratti mariin geggeessaa turan eega fashalaayee booda, Piyongyaang fuula isii gara Chaayinaa fi Raashiyaatti deebistee jirti.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button