header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Loltoonni Isra’eel lammiilee Falasxiin 7 ajjeessuun 100 ol ammoo madeessan

Loltoonni Isra’eel daangaa Gaazaa irratti lammiilee Falasxiin hiriira mormii bahan irratti dhukaasuun, yoo diqqaate namoota 7 ajjeessuun 100 ol ammoo kan madeessan tahuu ministeerri fayyaa Falasxiin beeksise. Falasxiinonni waggaa 42ffaa mormii “Guyyaa Lafaa” ilaalchisee hiriira gaggeessaa jiru.

March 30 bara1976 Isra’eel lammiilee Falasxiin jaha dachii keenya irraa hin kaanu jechuun morman, lafa isaanii irratti ajjeefte. Falasxiinonni eegasii March 30 “guyyaa lafaa” jechuun waggaa waggaan mormii isaanii dhageessisuun yaadatu.

Mootummaan Isra’eel Ganama har’aa mormiin osoo hin jalqabiniin dura, biiflee 100 ol hayyama ajjeessuu keenneefii daangaa Gaazaa irra kan qubsiise tahuu miidiyaaleen Isra’eel gabaasan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button