header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Hooggantoonni Majliisa Seeraan alaa Koree furmaata Barbaadduu Hawaasa Muslimaa maqaa xureessuuf yaaliin godhan fashalaa’e

Hooggantoonni Majliisa seeraan alaa guyyaa Kaleessaa muummicha ministeeraa waliin walgahii taa’an irratti, “koreen fala barbaadduu hawaasa muslimaa garee taayitaa barbaadu”jechuun maqaa xurreessuuf yaalanii akka turan gabaasni arganne ni mul’isa. Haata’u malee Dr Abiy Ahmad ” Isaan ummata biratti fudhatama guddaa akka qaban ni beekna, kanaafuu isaan waliin mari’annee deebisaa isiiniif kennina”jechuun kan dubbate tahuu odeeyfannoon argame ni addeessa.

Haaluma kanaan muummichi ministeeraa guyyaa hardhaa miseensota koree furmaata barbaadduu hawaasa muslimaa gara waajjira isaatti affeeruun kan mari’ataa jiru. Mariin ganama har’aa jalqabame wanta hin xumuraminiif waaree boodas marii marsaa lammaaffaa kan jalqaban tahuun beekamee jira.

Miseensonni koree walgahii kana irratti hirmaataa jiran, Ustaaz Abubakar Ahmad, Ustaaz Ahmaddiin Jabal, Ustaaz Kaamiil Shamsuu, Ustaaz Yaasiin Nuuruu, Sheik Makkata Muhee, Haaji Huseen Laalamdaa, Profeesar Aadam Kaamiil, Sheik Sulxaan Haji Amaan, Sheik Yuusuf Muzammil, Haaji Kamaal Nuurii, Jamaal Yaasin, Umar Abdurrazaaq, Haaji Ayyanawu Muhammad, Sheik Abdallaah Idriis fi Sheik Xaahir Abdulqaadir tahuu gabaasni arganne ni ibsa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button