header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

Manni murtii UN Ameerikaan qoqqobbii Iiraan irra keette akka kaastu ajaje

Manni murtii ol’aanaan UN, International Court of Justice jedhamu, Ameerikaan qoqqobbiiwwan Iiraan irra keette jidduu, bittaa meeshaalee gargaarsa namoomaa fi  kanneen geejjiba xiyyaaraa (Civil Aviation) walqabatan akka kaastu ajaje.  ICJ’n murtii Arba’aa har’aa kenneen, “Iiraan meeshaalee gargaarsa namoomaa kallattiidhaan lammiilee isiitiif barbaachisan kanneen akka dawaa, biyya alaa irraa galfachuu akka dandeessu, Ameerikaan qoqqobbi irra keette dirqama kaasuu qabdi”jedhe.

 

Iiraan murtii kana gammachuudhaan kan simattu tahuu beeksifte. Ministeerri haajaa alaa Iiraan ibsa baaseen, “Murtiin ICJ’n dabarse, himannaan Iiraan sirrii tahuu kan mirkaneessee fi qoqqobbiin Ameerikaan lammiilee keenna irra keette ammoo seeraan alaa fi kan hammeenyaa tahuu mirkaneesee jira”jedhe.

 

Murtiin ICJ kun ol’iyyannoo kan hin qabnee fi seera addunyaatti fudhatama guddaa kan qabu yoo tahu, raawwii isaa irratti garuu humna gayaa kan hin qabne tahuuu gabaasni arganne ni mul’isa.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button