header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Ibsa ijjannoo Ulamaa’ota Godina Arsii Lixaa

Ulamaa’onni aanaalee Godina Arsii Lixaa keessa jiran Marii waxabajjii 25-28/2010 magaalaa Shaashamannee keessatti geggeessan xumuruun ibsa  ijjannoo qabxii 8 qabu baasan.

 

  1. Jijjiirama haaromsaa akka mootummaa naannoo Oromiyaatis ta’ee Federaalaatti dhufe kan deeggarru yoo ta’u, jijjiirama kanaaf faallaa kan ta’e gocha yaalii ajjeechaa muummicha ministeeraa Dr Abiy Ahmad fi ummata nagahaa irratti raawwatame akkasumas gochoota sana boodas faallaa jijjiiramaa jiran hunda cimsinee mormina.

 

  1. Gaaffii hawaasa muslimaa dhageeffachuun marii muummeen ministeeraa koree fala barbaadduu hawaasichaa waliin taasisan fi koree dhaabbates ni deeggarra, muummicha ministeeraatis ni galatoomfanna aadaan kun cimee itti haa fufu jenna.

 

  1. Yeroon yeroo sirna Hajjii waan ta’eef koreen dhaabbatee fi mootummaan ariitiidhaan baasiin imala hajjii madaalawaa fi hujjaajotaaf tajaajila gahaa tahe biyya keessaa fi alaattti akka argataniif deebiin akka kennamu cimsinee gaafanna.

 

  1. Ibsa ijjannoo fi fatwaa ulamaa’ota Godina Harargee lamaanii, Baalee, Jimmaa fi Iluu Abbaa Boor irraa kenname ni deeggarra.

 

  1. Majilisni kana booda hundeeffamu, majiliisa akka waldaatti waggaa sadi sadiin hayyamni isaa haaromfamu osoo hin ta’in, dhaabbata amantaa mataa ofii danda’ee qorannoo, qu’annoo fi muuxannoo biyyoota gara garaa irraa ka’uun seeraan mirkanaa’ee tuttuqaa tokko malee kan dhaabbatu akka ta’u cimsinee gaafanna.

 

  1. Dhimmi muslimtoota Aksuum dhimma keennas waan ta’eef furmaanni waaraan yeroo gabaabaa keessatti akka kennamuuf muummee ministeeraa kabajamoo Dr. Abiyyi Ahmad ni gaafanna.

 

  1. Koreen muummee ministeeraatiin dhaabbate dhimma majilisaa qofa osoo hin taane rakkoolee hawaasa muslimaa baroota dheeraaf kuufamaa turan, hawaasa bal’innaan mariisisuun qorannoo gaggeessuun motummaaf dhiyeessuun furmaanni waaraa akka kennamu kabajaan gaafanna.

 

  1. Mootummaan hidhamtoota siyaasaa fi amantaa akkuma gad-dhiisaa turetti ammas ciminaan itti fufuun ulamaa’ota keenna kan sababa gidiraa adda addaatiif biyya ormaatti baqatanii jiran biyyatti akka galanii fi hidhamtoota sababa amantaanis ta’ee siyaasaaf biyyya keessaa fi alatti rakkataa jiran akka hiikkaman kabajaan gaafanna.

 

Xumura irratti Ulamaa’onni Godinaalee hafan keessa jirtan, naannolee biyyaa hunda keessa jirtan akkasumas hayyooleen gara garaa fi qeerroo fi qarreen biyya keessaa fi biyya alaa jirtanis guddina, misooma, nageenya biyyaatiif bu’aa buusuu keessatti fi jijjiirama amma jiru daran cimsuu irratti deeggarsa barbaachisaa hunda taasisuun gahee keessan akka baatan yaamicha kabajaa isiniif taasifnee jirra.

 

Maqaa Ulamaa’otaa fi Sheekkota marii irratti hirmaataniis kan armaan gadii ti.

 

  1. Haaji Yuusuf Aadam (Ciroo)

 

  1. Sheik Abdallah Biiftuu

 

  1. Haaji Hasan Gammadaa

 

  1. Shei Alii Buttaa

 

  1. Sheik Amaan Haaji Loloo

 

  1. Sheik Ibraahim Aadam

 

  1. Sheik Aadam Hasan

 

  1. Sheik Abdulqaadir Kadiir (Sheekkota Hansawwee)

 

 

 

  1. Sheik Alii Goojjaa

 

  1. Sheik Tamaam Hasan

 

  1. Sheik Seeyfaddiin Ahmad

 

  1. Sheik Ahmadhuseen Abdallah

 

  1. Shiek Abdulgaffaar Qaasim

 

  1. Sheik Kadiir Alii

 

  1. Sheik Muhammad Badhaasoo

 

  1. Shik Faaruuq Abubakar

 

  1. Sheik Alii Muhammad

 

  1. Sheik Qaasim Muhammad

 

  1. Sheik Abdussalaam Haaji Abdallah

 

  1. Sheik Qaasim Ismaa’il

 

  1. Sheik Dastaa Kurkuree

 

  1. Sheik Qaasim Irreessoo

 

  1. Sheik Sulxaan Muktaar

 

  1. Sheik Sulxaan Amaan

 

  1. Sheik Abdallah Eda’oo

 

  1. Sheik Muhammad Baatii

 

  1. Sheik Qaasim Kadiir

 

  1. Sheik Kadiir Galatoo

 

  1. Sheik Hasan Abdurrahmaan

 

  1. Imaammanii fi du’aatonni birootis argamanii jiru.

 

Waxabajjii 28/2010

Shaashamannee

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button