header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Waraanni Makkalaakayaa Magaalaa Waldiyaa keessatti lubbuu namoota hedduu galaafate

Naannoo Amaaraa Godina Wolloo magaalaa Waldiyaatti haleellaa waraanni Makkalaakayaa guyyaa kaleessaa hawaasa nagayaa irratti raawwateen yoo xiqqaate namoonni 5 ajjeefaman.

Waraanni makkalaakayaa Ummata kabaja ayyaana Amantaatiif wal gaye irratti dhukaasa baneen namoota 5 battalumatti ajjeessuun,namoota 18 tahan ammoo akka madeesse gabaasni arganne ni ibsa.

Gochi raayyaa ittisa biyyaa ummata magaalaa Waldiyaa kan dallansiise yoo tahu, kanuma hordofuun guyyaa har’aa waajjiraaleen mootummaa hedduun kan guban tahuun beekameera.

Hoogganaan waajjira kominikeeshiinii dhimmoota mootummaa naannoo Amaaraa Obbo Nigusuu xilahun, lubbuun namootaa magaalaa Waldiyaatti dabree himuun Mootummaan namoota lammiilee nagayaa irratti yakka ajjeechaa kana raawwatan qoratee seeratti kan dhiyeessu ta’uu beeksise.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button