header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Israa’eel Gaazaa keessatti hidhattoota Falasxiin 6 ajeessuun gabaafame.

Isra’eel haleellaa Bo’ii hulluuqaa(Tunnel) Gaazaa fi Isra’eel walqunnamsiisu irratti raawwatteen, yoo xiqqaate hidhattoota falasxiin jaha ajjeessuu Ministeerri Fayyaa Falasxiin beeksise.

Ministeerri ibsa isaa kanaan akka jedhetti loltootni sagal ammoo kan madaayan yoo tahu, namoonni bo’ii (tunnelii) keessatti awwalaman barbaadaa kan jiran tahuu beeksise.

waraanni Isra’elis ibsa baaseen, bo’ii (tunnel) gaazaa fi Isra’eel jidduu jiru barbadeessuu mirkaneesse. Waaranni Isra’eel,  Bo’iin (tunnaliin) barbaadaye sun, kan loltoonni Hamas sochii waraanaa Isra’eel irratti raawwachuuf itti fayyadaman jedhe.  

Haleellaan kun kan raawwatame yeroo Hamas eeggumsa daangaa Gaazaa, Bulchiinsa Falasxiin kan Ramallah keessa jirutti dabarsee kennuuf qophayeetti akka ta’e gabaasni Anadooluu niiwus irraa argame ni mul’isa.
Karoorri eegumsa daangaa Hamas irraa Fatahatti dabarsuu kun, waliigaltee gareewwan Falasxiin lamaan jiddutti godhame irratti hundaayuun akka ta’e gabaasni kun ni addeeessa.

Ameerikaa fi Isra’eel hanga Hamas gurmuu waraanaa isaa diigutti waliigaltee kan kan hindeeggare ta’uu beeksisuun isaanii ni yaadatama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button