header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Jiraattonni magaalota Istanbul fi Hong Kong muslimoota Wiigar deeggaruun hiriira bahan

Taphataan kubbaa miilaa beekamaan lammii Jarman Mesut Ozil, torbee dabre dararaa mootummaan Chaayinaa muslimoota Wiigar irratti raawwatu balaaleffatuun yaada kenneen “Muslimoonni Wiigar gootota dararaaf hin jilbiifanne”jedhe. Ozil itti dabaluudhaanis, “hawaasni addunyaa keessumattuu biyyoonni muslimaa, ummata Wiigar kan mootummaan Chaayinaa dararaa hamaa irraan gahaa jiru cinaa dhaabbachuu dhiisuun qaanyii guddaadha”jechuun qeeqe.Yaada Oziil kana hordofuun hawaasni addunyaa muslimoota Wiigar ilaalchisee deeggarsa kan ibsataa jiru yoo tahu, guyyaa kaleessaa lammiileen Turkiyaa kumaatamaan lakkaahaman magaalaa Istanbul keessatti hiriira bahuun dararaa mootummaan Chaayinaa raawwataa jiru balaaleffatan. Dabalataanis mootummaan Turkiyaa dhimma muslimoota Wiigar irratti ijjannoo cimaa akka qabaatu gaafatan.Haaluma wal fakkaatuun lammiileen Hong Hong dhibba heddutti lakkaa’aman, Alhada har’aa hiriira bahuun deeggarsa muslimoota Wiigariif qaban kan ibsatan yoo tahu, hiriirri deeggarsaa kun naannawa Zinjiyaangiin alatti dachii mootummaan Chaayinaa bulchu kan biroo keessatti kan yeroo jalqabaatiif geggeeffame tahuu odeeyfannon ni addeessa. Haaluma kanaan humnoonni tikaa mootummaa Chaayinaa mormitoota irratti tarkaanfii humnaa kan fudhatan tahuunis beekamee jira.Yaadni Mesut Ozil kun jalqabuma irraa mootummaa Chaayinaa kan rifachiise yoo tahu, ministeerri haajaa alaa biyyattii “Ozil odeeyfannoo sobaatiin gowwoomfame”jechuun haaluuf yaale. Haata’u malee namoonni bekamoon heddu yaada Ozil kana deeggaraa jiran. Namoota kanneen jidduu Ministeerri haajaa alaa Ameerikaa Mayik Pompiyoo yaada Twitter irratti barreesseen “Ozil hin dogongorre; Chaayinaa Muslimoota Wiigar fi kanneen biroo dararaa jirti”jedhe. Haaluma wal fakkaatuun tapahattoonni Kirikeetii biyyoolessaa Paakistaan duraanii Xalaayaa Muummicha ministeera biyya isaanii Imraan Khani barreessaniin, Paakistaan muslimoota Wiigar cinaa akka dhaabbattu kan gaafatan tahuu odeeyfannoon ni addeessa.
#Muslimoota_Wiigar

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button