header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Iddoon Awwala Muslimootaa jarraa 12 ol lakkoofsise Ispeen keessatti argame

Ardii Awrooppaa Kaaba Ispeen keessatti iddoon awwaala Muslimootaa jarraa heddu lakkoofsise argame. Iddoon awwaalchaa kun magaalaa Zaragoza jedhamtu keessatti ijaarsa daandiitiif hojjattoonni dachii osoo qotan kan argame yoo tahu, hanga amaatti awwaalli 4000 iddoo kanatti argamuu gabaafame. Ogeeyyonni Arkiyoolojii naannichatti qorannoo jalqabaniin, lakkoofsi awwaala iddoo kanaa 4500 ol ni taha jedhan.

Ispeen akka lakkoofsa hijraatti bara 95ffaa keessa yeroo Hoggansa Xaariq Ibni Ziyaad banamtee, waggoota 800 oliif bulchiinsa muslimootaa jala turuun ni beekama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button