OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Magaalaa Hararitti waajjira Koongirasii Federaalawaa Oromoo irratti haleellaan raawwatame

Dura-taa’aan Koongirasii Federaalawaa Oromoo Pirofeesar Mararaa Guddinaa OMNtti akka himetti, haleellaa qaamota gurmaa’aniin waajjira paartichaa irratti raawwatameen miidhaan qabeenya irra gahee jira. Haaluma kanaan qaamoleen gurmaa’an waajjira KFO fi konkolaattota dhaabichaa irratti haleellaa kan raawwatan tahuu ibsame.

Profeesar mararaan itti dabaluudhaanis, “Yeroo qaamoleen gurmaa’an qabeenya KFO irratti haleellaa raawwatan, humnoonni nageenya mootummaa dhaabbatanii ilaalaa turan” jedhe.

Haaluma wal fakkaatuun achuma Magaalaa Hararitti Kaampaasii Yuunivarsiitii Riift Vaalii irrattis haleellaan raawwatamuu ibsame.
Diiniin Kaampaasii Harar Obboo Dirribsaa Dinquu akka jedhetti, haleellaa namoonni gareen gurmaa’an raawwataniin qabeenya yuunivarsiitichaa heddu barbaadaayee jira. Dabalataanis manneen daldalaa fi jireenyaa heddu garee kanaan kan rukutaman tahuun beekamee jira.
Qaamoleen haleellaa raawwatan warra Taabota hordofee gara bataskaanaatti deebisuuf imalaa turan keessatti dhokatanii haleellaa raawwachuu odeeyfannoon ni addeessa.

Show More

...

Back to top button