header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Magaalota godinaalee Oromiyaa adda addaa keessatti mormiin cimaan geggeeffamaa jira

Image may contain: 1 person, standing, walking and outdoor

Duguggaa Sanyii godina Harargee bahaa aanaa Meettaa keessatti waraanni Makkalaakayaa raawwate hordofuun, godinaalee Oromiyaa adda addaa keessaatti mormiin cimaan geggeeffama jira. Barattoonni manneen barnoota sadarkaa 1ffaa hanga Yuunivarsitii jiran mormii geggeessa jiru, magaaloota tokko tokkootti ummanni manneen daldalaa cufuunii fi manaa bahuu diduun mormaa jiru.

Godina Harargee Lixaa aanaa Burqaa Dhiintuutti hojjattoonni mootummaa waajjira cufuun,daldalttoonni ammoo manneen daldalaa cufuun mormii dhageessisan. Magaalaa Baddeessaattis ummanni bahee mormii cimaa geggeessaa ole. Magaalaa Asaabootiittis barattoonni ummanni keenya dhumaa teenyee hin barannu jechuun barumsa dhiisanii bahuu maddeen nuuf gabaasaniiru.
Magaalaa Cirootti manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa hanga Yuunivarsitii,hundi akkasumas ummanni bahee mormii geggeessaa kan jiru akka tahe maddeen nuuf gabaasan.
Image may contain: 2 people, people smiling, people standing, crowd and outdoor
Godina Harargee bahaa aanaa Jaarsootti barattoonni manneen barnoota sadarkaa 1ffaa hanga qophaa’iinaa jiraan dhaddaannoo adda addaa dhageesisaa hiriira bayan. Haaluma walfakkattuun magaalaa Amboo keessatti mormiin cimaan kan geggeeffame akka ta’eefi Konkolaachiftoonni sochii dhaabaniiru, dukkaanoonni hundi cufamanii jiru, ummanni manaa baha hin jiru. Mormii naannawa Yuunivarsitii Amboo kaampaasii Awwaroo cinatti geggeeffame waraanni makkalaakayaa ummata reebuu yeroo jalqabetti poolisoonni Oromiyaa jidduu seenuun kan walitti dhukaasan tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.
Haaluma kanaan loltoonni agaazii lamaa fi poolisii Oromiyaa irraa ammoo namni tokko kan madaahe tahuu gabaasni arganne ni mul’isa. Mormiin magaaloota biroo heddu keessattis haaluma walfakkaatun godhamaa jiraachuu odeeffannoon arganne ni addeessa.

Image may contain: 1 person, standing, crowd and outdoor

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button