header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Balaan Ibiddaa Giriik keessatti ka’e yoo xiqqaate lubbuu nama 60 galaafate

Balaan Ibiddaa kun kan ka’e magaalaa Matiis jedhamtu tan naannawa magaalaa guddoo Ateensitti dhihaattee argamtuutti yoo tahu,balaa kanaan lubbuun namoota 60 ol galaafatamuu fi namoonni heddu ammoo midhamuun gabaafame.

Balaan ibiddaa guyyaa kaleessaa ka’e kun biyyattii keessatti waggaa kudhanii asitti isa hamaa tahuus odeeffannoon ni mul’isa.

Muummichi Ministeera Giriik Aleeks Siparis televizyiina biyyattii irratti ” Giriik Haala yaaddeessaa keessa jirti”jechuun gadda ibsate. Guyyoota sadiihi guyyaa gaddaa labse.

Hojjattoonni balaa Ibidda Giriik gara magaalaa Matiis kan geeffaman tahuu fi ibiddi kun sababa roobaatiin saffisni diqqaatus hanga ammaatti to’annaa jala kan hin oolin tahuu ibsan.

https://www.youtube.com/watch?v=9SrEKxiry9o

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button