header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Manni murtii Federaalaa Hooggantoota KFO Iirratti hidhaa addaa murteesse

Manni murtii Federaalaa Hooggantoota KFO Iirratti "dhaddacha jeeqan" jechuun hidhaa ji'a jahaa murteesse

Manni Murtii Federaalaa guyyaa har’aa hooggantoota KFO galmee Obbo Gurmeessaa Ayyaanoo jalatti himataman keessaa, Obbo Baqqalaa Garbaa,Obbo Dajanee Xaafaa,Obbo Addisuu Bullaallaa fi Obbo Gurmeessaa Ayyaanoo irratti sababa dhaddachaa jeeqxan jedhuun hidhaa adabbii addaa baatii jaha(6) itti murteesse.
Qondaaltota mootummaa kanaan dura mana murtiitti dhiyaachuun ragaa ittisaa akka ta’an yaamamamuun isaanii niyaadatama. Haata’u malee manni murtichaa qondaaltota mootummaa wantoota xixinnoo hundaaf gara mana murtii yaamuun hin barbaachisu jechuun, waamicha kanaan duraa godhamee ture diige. Kanuma hordofuun himatamtoonni iyyaannoo dhiheessaniin, “kanaan dura abbaan alangaa Qondaaltota mootummaa yaame nurratti ragaa yeroo baasisaa turetti manni murtii waan tokko hin jenne. Amma yeroo nuti ragaa ittisaatiif yaamnetti sababa akkanaa kaahuun sirrii miti” jechuun,hooggantoonni KFO mirgi isaanii akka kabajamuuf mormii dhageessisaa kan turan akka ta’e gabaasni arganne ni mul’isa.
Manni murtii Abbaa seera Zar’aay Gabrasillaaseetiin hoogganamu iyyannoo isaanii eega kuffisee booda, himatamtoonni gamtaadhaan,”uummata Oromo wagga 26 guutuu ajjeessaa turtan, Ummata Itoophiyaa waggaa 26 guutuu dararaa turatan, ajjeechaa fi dararaan nurratti haadhaabatu” jechuun mana murtii keessatti mormii isaanii kan dhageessisaa turan akka tahe gabaasni argame ni ibsa. 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button