header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Masri dhimma hidha laga Abbaay ilaalchisee yaada Ityoophiyaan haarayatti dhiheessite diduu beeksiste

Masri ibsa kaleessa baasteen, marii hidha laga Abbaay irratti Ityoophiyaa fi Suudaan waliin geggeessaa jirtu irratti, Jum’aa dabre Ityoophiyaan qabxiileen lamaan biyyoota sadeen jiddutti rakkoo uuman marii fuulduratti godhamuuf dhiifamanii, ammatti walii galteen akka mallattaahu yaada jedhu kan dhiheessite tahuu beeksiste.
Akka gabaasa CGTN’tti qabxiileen lamaan kunniin qajeelfama haala hidhichi bishaaniin itti guutamuu fi kan lammataa ammoo dhimma to’annaa hojii/opereeshiinii hidhichaa ilaallatu kanneen jedhan yoo tahan, Ityoophiyaan qabxiilee hafan ilaalchisee walii galteen eega mallattaahee booda, koreen dhimmoota rakkoo tahan lamaan ilaalu addatti akka hundaayu yaada jedhu dhiheessite.
Ministeerri Bishaanii fi Jallisii Masri ibsa baaseen, dhimmoonni lameen walii galteen irra hin gayamin dhimmoota ijoo waan tahaniif, dhimma salphaa koree teeknikaa qofaan hiikamuu miti jechuun Yaada Ityoophiyaa kana diduu beeksise. Dabalataanis dhimma seeraa irrattis marii hanga ammaatti geggeeffameen walii galtee irra gahuun kan hin dandayamin tahuu ibsame.
Mariin guyyoota saglan dabraniif biyyoota sadeen jiddutti Jaarsummaa Gamtaa Afrikaatiin geggeeffamaa jiru kun ammas kan itti fufe tahuus odeeyfannoon ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button