header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Mootummaan Sa’uudii “barana Salaata Taraawihaa Masjidatti Salaatuun Shakkiidha” jedhe

Dhukkubni Koroonaa-vaayras weerara isaa yoo dhaabuu baate Sa’uuditti Ramadaana baranaa Salaata Taraawihaafi Tahajjudaa Masjidatti Salaatamu dhoorkuuf kan dirqaman tahuu Ministeerri Da’waafi Irshaad Muhammad Aqiil ibse.

Masjida kabajamoo lamaan Haramaa fi Nabawii ttiis koreen dhimma kana hordoftu dhaabbatuu Ministeerichi ifoomse.

Itti ida’uunis “Taraawihaa fi Tahajjuda Muslimoonni bakka takkatti walitti dhufuun Salaatan. Kun ammoo dhukkubni kun akka faffaca’uuf sababa tahuu mala. Ogeeyyiin fayyaa, walitti dhufeenyi hawaasaa yeroo tanatti kan hin barbaachifne tahuu waan dhaamaniif nulleen kana qalbisnee irratti ni hojjenna” jedhe.

Yeroo Ramadaanaaf guyyaan 11 ykn 12 hafu kanatti odeeffannoo tana dhagahuun Muslimatti hedduu ulfaatti. Tahus haala jiru irratti obsanii Rabbi galateeffachuun, waan mudatan Rabbitti herregachuun gaariidha.

Ji’a kute(March 18, 2020) Sa’uuditti weerara dhukkuba Koroonaa-vaayras ittisuuf ‘Hey’a Kibaar al Ulamaa’n Salaanni Jam’aafi Jum’aa akka dhaabbatu murteessuun ni yaadatama.

Hanga ammaatti lammiileen Sa’uudii dhukkuba Koroonaa-vaayrasiin qabaman nama 3650 ol gahanii jiran. Kanarraa ammoo namni 47 addunyarraa godaanuun dhagahame.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button