header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Muummichi ministira Isra’eel walii galtee paartiilee Falisxiin lamaanii balaalefate.

Muummichi ministira Isra’eel Benjamiin Nataanyahuu walii galtee paartiileen Falisxiin lamaan Fatah fi Hamas, waliin hojjatuuf torbee kana keessa mallatteessan walii galtee kun kan nageenya naannichaa booressu jechuun qeqe.


Nataanyahuu fula fesbuuka isaa irratti 

” Isra’eel walii galtee Falisxiin dhaaba Hamas kan kaayyoon isaa Isra’eel barbaadeessu tahe waliin gotu kamuu ni mormiiti” jechuun maxxanse.


“Walii galteen Hamaas fi Fatah kun kan nageenya naannicha booressu malee kan nagaa naannichaatti uumu miti” jedhe.


Ministiri Barnoota Isra’eel Naftaali Bennetis walii galtee kana balaleefatuun ” Falisxiinonni guyyaa hardhaa mootummaa Shoroorkeessaa hundeessuuf murteessan” jedhe.

Bennet ibsa websaayti Times of Isra’el news jedhamu irratti kennen
” Hardha irraa jalqabee Isra’eel walii galtee bifa kamiitu Bulchiinsa Abbaas wajjin kan gootu yoo tahe, akka diina isii Hamas waliin gooteti jechuun dhaadate.

Paartileen Falisxiin lamaan Fatah fi Hamas waggaa 10 booda guyyaa kaleessa waliin hojjatuuf walii galtee mallatteessan. walii galteen isaanii kun immoo Isra’eeli irratti dhiibbaa guddaa kan ummu tahuus gabaafameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button