header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Prezdaantiin Aljeeriyaa Abdul’aziiz Butofliqaa wal dorgommii filannoo prezdaantummaa biyyattii keessaa bahuu beeksise

Prezdaantiin Abdul’aziiz Butofliqaa filannoo prezdaantummaa biyyattii Ebla dhufu irratti kan dorgomu tahuu eega beeksisee booda, lammiileen Aljeeriyaa kumaatamaan lakkaahaman prezdaantichi filannoo ammaa kana irratti akka hin hirmaanee gaafachuun ji’a dabre irraa jalqabee mormii cimaa geegeessaa turan. Prezdaantichi hanga guyyaa kaleessatti yeroo shanaffaaf biyyattii hogganuu kan barbaadu tahuu ibsuun murtii isaa irratti cichee ture.
Haata’u malee mormii ummataa fi paartiilee mormitootaa irraa cimaa dhufe hordofuun prezdaantichi wal dorgommii keessaa kan bahe tahuu ibse. Dabalataanis filannoon biyyattii April 18/2019 geeggeeffamuuf karoorfamee ture, yeroo hin murtaayiniif kan dabre tahuu waajjirri prezdaantii Aljeeriyaa beeksise.

Manguddoon waggaa 81 Abdul’aziiz Butofliqaa bara 1999 irraa eegalee waggaa 20 Aljeeriyaa kan hooggane yoo tahu, bara 2013 dhibee isa muudateen teessoo irraa ka’ee socho’uu hin dandayu.

#Aljeeriyaa #Abdulaziiz_Butofliqaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button