header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KaanaadaaOdeeyfannoo

Namichi Kaanaadatti hijaaba intalaa cire barbaadamutti jira.

Poolisiin Kanaadaa namticha intala waggaa 11 irratti Hijaaba ciccire kan barbaadaa jiru tahuu beeksise.

Barattuu kutaa 6 kan taate Khawlah Nu’iman eega mana barnoota geesse booda Reportarootaaf ibsa kenniteen, Isiifi obboleessi isii gara mana barnoota deemaa osoo jiran, namtichi eenyummaa isaa hin beekne duubaan dhufuudhaan Hijaaba isii maqasiin akka irratti cicciree fi yeroo isiin rifattee iyyitetti akka dheesse himte. Haata’u malee daqiiqaa kudhan booddee namtichummaa sun isaan dhaqqabee yeroo lammataatiif hijaaba kan isii irratti ciccire tahuu beeksiifte.

Gochi ammaa kun, “Jibbiinsa muslimaa” yeroo dhihoo asitti guutuu kanaadaa keessatti babal’ataa dhufe, xiyyeeffannaan akka itti kennamu mootummaa irratti dhiibbaan kan dabale tahuu AP’n gabaase. Muummichi Ministeera Kanadaa Jastiin Traawudo guyyaa kaleessaa, gama Twitter isaatiin ” Kanadaan biyya walqixxummaati, gocha hammeenyaa kana gonkuma hin obsinu. Khawlah Nu’iman, ganama har’aa gocha hammeenyaa sodaattonni sirratti raawwataniif hedduun siif gadda” jechuun dubbate.

Hooggantuun naannawa Ontaariyoo Kaatliin Waayin gama isiitiin, “hammeenyi kun kan hawaasa Ontaariyoo bakka bu’uu miti, gocha jibbiinsaa daa’ima waggaa 11 irratti raawwatame ni balaaleffanna” jette.

2 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button