header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Ibaadaa

NIYYAA-Safartuu Hojii Namaa

Niyyaa jechuun hojii tokko hojjachuuf wanta gara fuunduraatti nama dhiibu yokaan nama kakaasudha. Niyyaan bakka lamatti qoodamti:
1ffaa- niyyaa toltuu- niyyaan tuni jaalala Rabbii fi mindaa isaa barbaaduuf qofa ta niyyatamtu. Namni niyyaa akkanaa qabu wanti hojii gaarii tokko hojjachuutti isa dhiibu ykn kakaasu: “Jaalala Rabbii fi mindaa isaa barbaadudha.” Fakkeenyaaf, sadaqa yoo kenne, wanti sadaqaa kana kennuutti isa kakaasu jaalala Rabbii fi mindaa isaati. Kanaafu, wanta niyyate kana ni argata.

2ffaa- niyyaa badduu/hamtuu- tuni niyyaa jaalala Rabbii fi mindaa isaa barbaaduudhaaf hin tahin. Kana irraa, wanti hojitti nama dhiibu: na argaa, na dhagayaa, faaru namoota fi beekkamtii barbaaduu, nama fuudhan yookaan itti heeruman gammachiisuu fi faayda addunyaa kanneen biroo barbaadudha. Namni wantoonni kunniin hojii gaarii akka hojjatuuf isa kakaasan, niyyaan isaa niyya bade jedhama. Kanaafu, Rabbii olta’e biratti mindaa hin argatu. Tarii wanta niyyate kana argachuus danda’a, dhabuus danda’a. Kanaafi, Rasuulli ((SAW)) akkana jedhan:
“Hojiiwwan hunduu niyyaani. Nama hundaafu wanta niyyatetu jira”

Namoonni lama hojii wal fakkaatu hojjachuu danda’u. Garuu namni tokko mindaa (ajrii) guddaa yommuu argatu, kan biraa ajrii homaatu hin argatu. Sababni kanaa maalidha yoo jedhame, Deebiin isaa: niyyaan garagara ta’uudha. Kan jalqaba niyyaa toltuu qaba, kan lammataa immoo niyyaa badduu qaba.

Kana hubachuuf ilmaan Aadam lamaan Qur’aana keessatti haa ilaallu:
(۞ وَٱتۡلُ عَلَیۡهِمۡ نَبَأَ ٱبۡنَیۡ ءَادَمَ بِٱلۡحَقِّ إِذۡ قَرَّبَا قُرۡبَانࣰا فَتُقُبِّلَ مِنۡ أَحَدِهِمَا وَلَمۡ یُتَقَبَّلۡ مِنَ ٱلۡـَٔ اخَرِ قَالَ لَأَقۡتُلَنَّكَۖ قَالَ إِنَّمَا یَتَقَبَّلُ ٱللَّهُ مِنَ ٱلۡمُتَّقِینَ)

“Oduu ilmaan Aadam lamaan haqaan isaan irratti dubbisi, yommuu isaan lamaanuu qurbaana dhiyeessanii isaan keessa tokko irraa ni qeebalame, kan lammataa irraa immoo hin qeebalamne. Kan lammata kan jalqabaatin ni jedhe: ‘Dhugumatti ani si ajjeesa.’ Inni jalqabaas ni jedhe: ‘Rabbiin warra isa sodaatan qofarraa qeebala.'” [Surat Al-Ma’idah 27]Qurbaana jechuun wanta gara Rabbii ittiin dhiyaataniidha. Fkn kan akka wareegaa (qalmaa). Ilmaan Aadam lamaan kunniin wantuma wal fakkaatu haa hojjataniyyuu malee Rabbiin tokko irraa qeebale, kan lammata irraa immoo hin qeeballe. Sababni isaas, niyyaan isaanii garagara. Kan jalqabaa niyyaa toltuu qaba, kan lammataa immoo niyyaa badduu qaba. Kanaafi, dhumarratti, “Rabbiin warra isa sodaatan qofarraa qeebala” jechuun cufe. Rabbiin sodaachun niyyaa tolchuu ykn bareechisu irraa jalqaba.

Maddi:sammubani.com

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button