header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Paarlaamaan Awrooppaa dhimma lammiilee Ityoophiyaa mana hidhaa Sa’uudii keessatti dararamaa jiran irratti murtee dabarse

Manni Maree Gamtaa Awurrooppaa dararaa fi sarbamiinsa mirga namoomaa lammiilee Ityoophiyaa manneen hidhaa Sa’uudii jiran irratti raawwatamaa jiru cimsee balaaleffachuun murtee dabarse.
Gabaasa Human Right Watch eeruun Paarlaamaan Awrooppaa akka jedhetti, haalli mootummaan Sa’uudii manneen hidhaa keessatti lammiilee Ityoophiyaa itti qabaa jiru yaaddessaa ta’uu ibsuun, ji’a Eeblaa bara darbee irraa kaasee lammileen Ityoophiyaa 30,000 ol kanneen haadholiin ulfaa fi daa’imman keessatti argaman, Yaman keessaa dhiibamanii eega baafamanii booda, murtii malee manneen hidhaa Sa’uudii keessatti gidirfamaa jiran.

Miseensonni Mana Maree Awrooppaa murtii isaanii kanaan qondaaltonni Sa’uudii dubartootaa fi daa’imman dabalatee kanneen rakkoof saaxilamaniif dursa kennuudhaan, hatattamaan akka gadhiisaniif waamicha dhiyeessan. Dabalataanis Gamtaan Awrooppaa, qondaaltonni Sa’uudii namoota biyya ollaa waraanaa keeessa jirtu Yaman irraa baqachuun gara daangaa isaaniitti seenanis haala nageenyi isaanii eegameen simatanii, wiirtuuwwan turtii sadarkaa idil-addunyaa eegggate akka galan gochuu qabu jedhe.

Mootummaan Sa’uudii gidiraa fi hiraarsa baqattoota Ityoophiyaa mana hidhaa keessa jiran irratti raawwatamu atattamaan dhaabuun, kunuunsi qoor-qalbiifi qaamaa akka taasifamuuf Manni Maree Awurooppaa kun gaafate.
Mana hidhaa Sa’uudii keessatti rakkoo hamaa baqattoota lammiilee Ityoophiyaa irra ga’aa jiru ilaalchisuun, miidiyaalee fi jaarmiyaaleen mirgoota namoomaaf falman heddu irra deddeebiin gabaasa dhiyeessaa turan.

Lammiileen Ityoophiyaa kunneen manneen hidhaa dhidhiphoo fayyaafi jireenyaaf yaaddessoo ta’an keessatti ji’oota hedduuf tursiifamuu irraa kan ka’e, dhibee garaa garaatiif kan saaxilaman yoo ta’u, kanneen lubbuun isaanii darbellee akka jiran gabaafamaa ture.

2 Comments

  1. سلام عليكم ورحمة الله وبركاته احمدرلله rabbin ummata rako keesa jiru hunndaayu rabbin keesa habaasu isinnimo jazaakumullah keyran

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button