header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

Doonald Traamp Magaalaa AL QUDS magaalaa guddoo Israa’el gochuuf sochii eegale.

Prezdaant Donaald Traamp magaalaan Al-QUDS magaalaa guddoo Isra’eel ta’uu isii beekkamtii kennuuf kan qophaayaa jiru tahuu miidiyaaleen Ameerikaa kan gabaasa jiran yoo tahu, dhimma kana  torbee dhufu keessa labsuuf akka qophitti jirus gabaasni arganne ni mul’isa.

Kanuma hordofuun Dhaabbanni Hamaas ibsa guyyaa har’aa baaseen, Prezdaant Traamp magaalaan Al-QUDS magaalaa guddoo Isra’eeliiti jechuun labsii qopheessaa jiruu fi Imbaasii Ameerikaa gara magaalaa Al-Qudsiitti jijjiiruuf  karoora baase akka dhaabu akeekkachiise.

Hamaas ibsa isaa kanaan, “Karoorri Ameerikaa kun  Magaalaa Alquudsi to’annaa Isra’eel jala kan galchuu fi Lammiilee Falasxiin magaalaa tana keessaa akka ari’aman kan godhu waan taheef biyyoonni Arabaa Ameerikaan karoora kana akka hin raawwanne godhuu qabu” jedhe.

Donaald Tiraamp yeroo duula naa filadhaa geggeessaa turetti, Imbaasii Ameerikaa kan magaalaa Telaviivitti argamu gara magaalaa Al-qudsitti jijjiiruuf wadaa galuun isaa ni yaadatama. Dhimma kana irratti immoo Arba’aa dhufu ibsa ni keenna jedhamee eeggama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button