header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Prezdaant Tramp dhimma hidha laga Abbaay ilaalichisee Dr. Abiy Ahmad bilbilaan dubbisuu gabaafame

Prezdaant Tramp marii dhimma laga Abbaay irratti Washington DC’tti geggeeffamaa jiru ilaalichisee muummicha ministeeraa Dr. Abiy Ahmad bilbilaan kan dubbise akka taheefi, Traamp marii marsaa kanaatiin walii galteen biyyoota hunda fayyadu ni mallatteeffama abdii jedhu kan qabu tahuu, Dr. Abiyiif ibsuu isaa dubbi himaan Waayit Haawus beeksise.

Ministeeronni Haajaa alaa fi ministeeronni Bishaanii Ityoophiyaa, Masri fi Suudaan marii guyyaa 4’f geeggeessaa turan ilaalchisee ibsa tokkollee osoo hin kennin wal gahii isaanii xumuruu gabaafamee ture. Haata’u malee, marii Prezdaant Traamp fi Dr. Abiy kana hordofuun jilli biyyoota sadeenii ibsa waloo baasee jira. Haaluma kanaan gareen teeknikaa wixinee xumuraa akka qopheessu kan ajajame tahuufi, biyyoonni sadeen torbee sadi booda walii galtee dhumaa mallatteessuuf walii galuu ibsame.

Ganama har’aa ammoo muummichi ministeeraa gara naannoo Benshaangul Gumuz imaluun hojii hidha laga Abbaay kan daaw’ate tahuunis beekamee jira.

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button