AkhlaaqaOg-Barruu

Qixa Nabi Muhammad (ﷺ) nama Rabbi abdate lafti tun ba’attee hin beettu

Gaaftokko ergamaan Rabbii faan duula Zaatu-Riqaa’ duuluuf bahan. Osoo deemanii laga Mukkeen qabu tokkotti dhufan. ‘Asitti haa boqannu’ ja’anii yaabbii deemanin dhaabanii qubatan. Ergamaan Rabbiiﷺ muka tokko gaaddiseeffatee, Ablee(Seyfii) isaa mukatti fannisee ciise. Sahaaboonilleen gaaddisa barbaada laga keessa adda faca’anii mataa lafa kaayanii shilimsan.

Namuu dadhabbii waan qabuuf hirriibni dafee fudhate. Ergamaan Rabbiitisﷺ rafee ture. Namni Kaafiraa(diinni) tokko carraa tanatti fayyadamee ergamaa Rabbii ajjeesuuf suuta deemaa dhufee mataa ergamaa Rabbii gubbaa dhaabbate. Ergamaan Rabbiiﷺ dafee itti dammaqe. Dammaquus garuu humaa godhuu hin dandeenye. Namtichi hidhannoo guutuu qaba. Ablee harkaa qabu ergamaa Rabbiitti aaggatee “eenyuu narraa si dhoorka?” ja’ee gaafate. “Allaah” ja’een ergamaan Rabbii.

Rasuulliﷺ humaa hin rifanne. Sodaa tokko malee ‘Rabbiitu si narraa dhoorka’ ja’ee deebiseef. Namtichi maqaa Rabbii dhageenyaan daranuu dallane. “eenyuu narraa si dhoorka?” ja’ee deebisee gaafate. “Ergamaan Rabbii “Allaah” ja’ee deebiseef. Ammaas Sadeessoo “eenyuu narraa si dhoorka?” ja’ee gaafate. “Allaah” ja’ee deebiseef.

Adaduma ergamaan Rabbiiﷺ “Allaah” ja’uun, namtichi hollachuu jalqabe. Rifatee osoo hollatuu Ableen harkaa buute. Ergamaan Rabbiiﷺ Ablee namticha harkaa buute dafee fuudhee namtichatti aaggatee “eenyuu narraa si dhoorka?” ja’ee gaafate. Namtichi “كن خير آخذ. Dhiifama naaf godhi. Na mootee, irra caalaa nama diina qabee tahi” ja’ee waywaatuu jalqabe.

Ergamaan Rabbiiﷺ “Rabbi malee haqaan gabbaramaan tokkolleen akka hin jirreefi an ergamaa isaa tahuu ni amantaa? Ragaa ni baataa?” ja’ee gaafate. “Lakkii” ja’e namtichi. ‘Abadan kanatti hin amanu’ jechuu isaati. “Garuu as booda akkaan sitti hin duulle waadaan siif seena. Warra sitti duulu waliinis hin tahu” ja’e namtichi. Ergamaan Rabbiiﷺ dhiifama godheefii gad dhiise.

Gad dhiifamnaan Rasuula biraa xiqquma achi siqee ciise namtichi. Eeganaa ammoo achii deemee gosa isaatti dhaqe. “Yaa gosayyo! Irra caalaa namaa biraahin isiniif dhufe” ja’ee gaaroommina ergamaa Rabbiiﷺ dhaadheesse.

Akka Al Waaqidiin odeysetti, namni kun boodarra haala gaarii ergamaa Rabbii irratti arkeen booji’amee Islaama Qeebale. Sababaa isaatiinis nama hedduutu Islaamawe.

Nagayaafi Rahmanni Rabbii sirratti haa jiraatu yaa Muhammadoo. Qixa kee nama Rabbi abdate lafti tun ba’attee hin beettu. Dhugamatti ati goota. Nama du’aafi miidhama sodaatee karaa Rabbii gad dhiisee miti. Namni ergamaa Rabbiitti dhufe kun Kaafira ture, sanuu ajjeesuuf yaale. Eega ergamaan Rabbii irra aanes akka harka hin kennine itti hime. Akkasii waliin garuu ergamaan Rabbiiﷺ haal duree tokko malee dhiifama godheef. Sahaabaa itti kaasee hin balleessine. Rasuulliﷺ dhiifama namaaf godhuun, garaa namaaf laafuun beekkama. Diin babal’isuuf qabsaawa malee hijaa mataa isaa bahachuuf hin lolu. Diinni itti dhihaatee gaaroommina isaa kana gaafa arku wal dorgomee Islaamummaa qeebale. Haala collee, amala gaarii guutuuf ergamaan Rabbiiﷺ ergame.

Show More

...

Back to top button