Paafiin sanyii xiqqoo seabird ykn simbira bishaanii keessatti ramadama. Simbira bishaanii jechuun maal jechuudha jettanii hin ajaa’ibinaa. Simbira bishaan jala lixee adamsuu danda’u jechuudha. Sanyiin simbira bishaanii heddutu jira. Barruu tanaan garuu, waahee sanyii Paafiin qofa waliin ilaalla in shaa ALLAH.
Paafiin simbira xiqqaadha. Bifti baallii koola isaa gurraacha. Akkasumas mormaa fi duyda isaa irraa halluu gurraacha qaba. Garaa jalaan ammoo adii yoo ta’u, fuula isaa gama bitaafi mirgaatii ammoo bifa gara adii dhihaatu qaba. Miilli isaa yeroo qabbanaatti bifa keelloo qaba. Yeroo hoo’aatti ammoo gara bifa burtukaanaatti jijjiirama. Qoffeen isaa bal’aa fi rog sadee fakkaata. Qoffeen isaa kunis akkuma miila isaa bifa gara diimaatti dhihaatu qaba. Bocaa fi bifa qaamaatiin dhaltuu fi kormaanis waluma fakkaatu. Haa ta’u malee Kormaan guddinaan qaama dhaltuu xiqqoo ni caala. Kanaafuu dhaltuu fi kormaa adda baasuudhaaf walbiratti arguun dirqama.
Qubsuma
Puffiin garba gurguddaa akka Atlaantik, Paasifik fi Arktik keessatti argama. Hedduminaanis daangaa biyya Deenmaark, Kaanadaa, Ispeen, Noorway, Jaappaanii fi Kooriyaatti argama. Lakkoofsi isaa sababa faalama bishaaniitiin xiqqaachaa jira. Naannoowwan amma dura irra jiraataa ture irraayis sababa boba’aan garagaraa bishaanitti naqameefi faalama kanaan akka baduu danda’e himama.
Haala Jireenyaa
Paafiin akkuma simbirroota bishaan keessaa garee uumuudhaan nagayaan waliin jiraata. Hunduu garee gareen qubsuma tolfatu. Gareen tokkos miseensota heddu of keessaa qaba. Lafa irratti qofa osoo hin taane bishaan keessas gareen daaku. Qilleensa gubbattis ta’e, bishaan keessa yoo daakan saffisa guddaa qaban. Haa ta’u malee bishaan jala seenanii yero dheeraa turuu hin danda’an. Bishaan jala meetira 60 fagaatanii seenuu danda’anis, daqiiqaa lama osoo hin guutin ol deebi’anii qilleensa fudhachuu qaban.
Wal Hormaata
Paafiin akkuma simbirroota hedduu hanqaaquu buusuun wal hora. Yeroo wal hormaataaf qophaayan, Kormaa fi dhaltuun boolla meetira shan fagaatuu akkasumas kan meetira takka bal’atu qotan. Kunis hanqaaquu fi cuucii diina jalaa dhoksuudhaafi. Dhaltuun Paafiin yeroo takkaan killee takka qofa buusti. Killee kanas boolla kana keessatti eega buusteen booda, kormaa waliin wal gargaaranii dabreedhaan ji’a jahaaf hammatu. Kana booda cuuciin haarofni hanqaaquu keessaa baatuu tun, haga of dandeettutti achuma boolla isiif qotame keessa turti.
Soorata
Paafiin uumama gosa lachuu sooratu ta’us, hedduminaan garuu qurxummii soorata. Bishaan keessa yeroo dheeraaf jala lixee turuun adamsuu hin danda’u. Kanaafuu qarqara bishaanii irra ta’uun rizqii isaaf dhuftu eeggata. Paafiin walumaa galatti wantoota bishaan keessa jiraatan soorata. Afaan Paafiin guddaa waan ta’eef yeroo takkaan qurxummii xixiqqoo heddu qabatuu danda’a. Dizaayiniin qoffee isaa haala kanaaf akka mijaahutti uumamee jira. Qurxummii takka afaaniin qabatee, osoo isa afaanii hin buufatin kan biraa qabatuu danda’a. Haala Kanaan haadhoon takka osoo gara lafaa hin deebi’in isiifis ta’e waan cuucii isiitiif barbaachisu qabattee bishaan keessaa baati.
Diina
Jireenyi Paafiin hedduminaan muka gubbaa fi bishaan keessa waan ta’eef diina heddus lafa irraa hin qabu. Diinni isaa warruma akka isaa qilleensa irra jiraatu. Culullee fi Rumicha, akkasumas darbee darbee Jeedalli boolla qotuun uumama kana ni adamsan. Saree fi Adurreenis Simbirroota naannoo qubsuma namaatti dhihaatanii jiraatan adamsuun sooratu. Kanaan alatti akkuma uumama biraa rakkoon isaanii ilma namaati. Akkuma dura jenne ilmi namaa balfa garagaraa gara bishaaniitti dhangalaasuun sanyii uumama kanaa miidhutti jira.
Qabxiilee ijoo uumama kanaa
- Paafiin simbira saffisa guddaan qilleensa gubbaa barrisuu danda’u yoo ta’u, sa’aa takka keessatti Kilomeetira 88 barrisuu danda’a.
- Daqiiqaa tokko keessattis koola isaa yeroo 300 ol olii fi gadi sochoosuu danda’a.
- Paafiin yeroo takkaan qurxummii xixiqqaa heddu qoffee isaatiin qabachuu danda’a.
Qophii: Abu Ibtisam