header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

Wal dhabbiin Ameerikaa fi Iraan jiddutti hammaataa dhufe haala yaaddessaa irra gahuu gabaafame

Bulchiinsi Traamp, “Iraan buufataalee waraana Ameerikaa fi imbaasiiwwan baha jiddu galaa keessa jiran irratti haleellaa raawwachuuf qophaayaa jirti”sababa jedhuun, torbee dabre irraa jalqabee Markabootaa fi xiyyaarota waraanaa, akkasumas loltoota dabalataa gara naannichaa kan ergite tahuun beekamee jira.

Iraan gama isitiin, “Ameerikaan lola xumura hin qabne naannicha keessatti qabsiisuuf sababa dharaa kaahaa jirt”jechuun himannaa Ameerikaa haalte. Qondaaltonni waraana Iraan akka jedhanitti, bulchiinsi Traamp humna waraana dabalataa gara naannichaa erguun Iraan kan yaaddeessu osoo hin taane, Ameerikaan yoo kan lola jalqabdu tahe garuu buufataaleen rukutaman akka nuuf heddumaataniitti ilaalla jechuun akeekkachiisan.

Dabalataanis mootummaan Iraan walii galtee Niwukilarii bara 2015 Iraan biyyoota jaha waliin mallatteessite hordofuun gabbisa Niwukilarii addaan kuttee turtes kan jalqabdu tahuu beeksise.

Guyyaa har’aa ammoo ministeerri haajaa alaa Ameerikaa hojjattoonni Imbaasii fi qonsilaa Ameerikaa Iraaq keessatti argaman hatattamaan akka bayan ajaja dabarse.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button