Odeeyfannoo

Manni Murtii Federaalaa Ol iyyaannoo Abbaan Alangaa dhimma murtii Sheekh Bushraa Yahyaa irratti dhiyeesse kuffise.

Sheekh Bushraa Yahyaa naannoo Tigraay magaalaa Wuqroo irraa, gaafii mirgaa hawaasni muslimaa  kaaseen walqabatee hidhamanii mana murtii deddeebi’aa eega turanii booda, manni murtii magaalaa Wuqroo hidhaa waggaa 6 fi ji’a 6 irratti murteessee ture. Isaanis murtiin isaan irratti darbe seeraan ala jechuun ol iyyaannoo mana Murtii walii galaa magaalaa Maqaleetti dhiheessan. Manni murtii walii galaatis yakka ittiin  himatamaniif hidhaan hanga ammaa ni gaha jechuun akka lakkifaman murteessee ture.

Abbaan alangaa immoo murtiin manni murtii walii-galaa Maqalee hidhaa irraa akka lakkifaman murteesse dogoggora seeraa qaba jechuun gara mana Murtii Federaalaatti ol iyyaannoo dhiheeffatee ture.

Manni murtii Federaalaa Finfinnee immoo bara 2007 irraa kaasee  yeroo adda addaatti Sheekh Bushraa Yahyaa beellamun, dhimma isaanii sababa qubsaa hin tahin dhiheessuun  deddeebisaa eega turee booda, dhuma irratti murtiin manni murtii waliigalaa Maqalee akka hiikaman jechuun murteesse raggaasisuun, ol iyyaannoo abbaan alangaa dhiheesse kan kuffise tahuu beekameera.

Comment

Related Articles

Back to top button