header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Hidha laga Abbaay ilaalchisee mariin gaggeefame walii galtee malee xumurame

Hidha laga Abbaay Itoophiyaan ijaaraa jirtu ilaalchisee,ministeeronni haajaa Alaa Itoophiyaa , Suudaan fi Masrii mariin guyyaa lamaaf Khaartuum keessatti gaggeessan waliigaltee tokkoon malee kan xumurame tahuu beeksisan.

Ministeerri haajaa Alaa Suudaan Ibraahim Ganduur xumura walgahii irratti ibsa miidiyaaleef kenneen “walgahiin saa’aa 15 gaggeessine waliigaltee tokkoon malee xumurame”jechuun ibse. Walgahii Jum’aa kaleessaa xumurame kana irratti, qondaaltonni tikaa biyyoota sadeeniituu irratti hirmaatanii turan.

Ministeerri haajaa alaa Masrii Saamii Shukriitis walgahiin ammaa kun osoo hinmilkaayin hafuu mirkaneessuun, biyyoonni sadeen marii ittii aanu yeroo jia tokkoo keessatti gaggeessuuf kan murteessan tahuu ibse. Dubbi himaan Ministeera haajaa alaa Itoophiyaa Mallas Alam gama isaatiin mariin Khaartuum keessatti gaggeefame haala barbaadameen xumuramuu dhabus bu’a qabeessa ture jedhe.

Mootummaan Itoophiyaa ijaarsa hidha laga Abbaay doolaara Biiliyoona 4 miiliyoona dhibba 8 gaaffatu bara 2011kan jalqabe yoo tahu, yeroo ammaa kana ijaarsi dhibbeentaa 63 gahuu ibse. Itoophiyaan fedhii humna elektrikii biyyattii guutuuf hidhi laga Abbaay murteessaa tahuu yoo ibsitu, Masriin ammoo bishaan Naayil gara biyya isii dhaqqabu harka hedduun hir’ata sodaa jedhu qabdi.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button