header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Jaapaan Imbaasii isii Telaviiv jiru gara Alqudsitti deebisuuf karoora akka hin qabne beeksiste

Muummichi ministeera Jaappaan Shinzoo Abee Kiibxata Kaleessaa Daw’annaa hujiitiif Falasxiin seene. Mr Shinzoo Abee magaalaa Ramallah keessatti Prezdantii Falasxiin Mahmuud Abbaas waliin kan mari’ate yoo tahu, Japan Imbaasii ishii Telaviiv jiru gara Alquds/Jerusalem deebisuuf Karoora akka hin qabne kan beeksise tahuu ejensii oduu Falasxiin wabefachuun Anaadooluu Niiwus gabaase.

Mr Abeen dhimma Alqudsi ilaalchisee deeggarsi Jaappaan gootu qajeelfama waliigaltee mootummoota Falasxiinii fi Isra’eel godhan irratti malee fedhii gama tokkoo qofa kan hin deeggarre tahuu hime. Jaappaan mootummoota lamaan jiddutti nagaya buusuuf yaalii godhamu keessatti adda durummaan hirmaachuudhaaf qophii tahuu isii prezdaant Abbaasiif kan mirkaneesse tahuu gabaasichi ni ibsa. Dabalataanis Mootummaan Jaappaan deggarsa diinagdee Falasxiiniif godhaa ture cimsee kan itti fufu tahuun beekameera.

Prezdant Mahmuud Abbaas gama isaatiin nageenya buusuudhaaf kallattii Dhaabbanni mootummoota gamtoomanii,UN kaaye hordofuun, Jaappaan dabalatee Carraaqqii biyyoonni addunyaa kamiyyuu godhan mootummaan Falasxiin kan deeggaru tahuu ibse. Haata’u malee Alquds magaalaa guddoo Falasxiin tahuu qaamota hin fudhannee waliin mariidhaaf kan hin teenne tahuu mirkaneesse.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button