header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Mootummaan Suudaan hidhamtoota siyaasaa hunda hidhaarraa hiikuuf murteesse

Prezedaantiin Suudaan Umar Hasan Al-Bashiir hidhamtoonni siyaasaa hundi akka gadhiifaman ajaja kan dabarse tahuu ejensiin odeeyfannoo Suudaan gabaase. Mormii ummataatiin walqabatee ji’a ammajjii dabree keessa hooggantoonni dhaabota siyaasaa, qindeessitoonni mormii fi mormitoonni heddu hidhamanii akka turan gabaasni arganne ni mul’isa.

Akka gabaasa kanaatti mootummaan biyyattii murtii ammaa kana kan dabarseef, marii sadarkaa biyyoolessaatti dhaabota siyaasaa fi qaamota mara hirmaachisu geggeessuuf dursanii hidhamtoota siyaasaa hunda gadhiisuun murteessaa tahuu beeksise.

Prezedaant Bashiir akka lakkoofsa bara 1998 erga mootummaa angoorra ture humnaan fonqolchee aangoo qabatee asitti, marii tokkollee dhaabota mormitootaa waliin akka hin taasifamne ugguraa ture.
Haa ta’u malee, Prezedaant umar Al-Bashiir filaannoo biyyoolessaa bara 2020 geggeefamu irratti hidhamtoota siyaasaa hunda hidhaa irraa gadhiisuun filannoo bilisaan dhaabbiilee hunda hirmaachisu gaggeessuuf carraa guddaa akka tahe xiinxaltoonni siyaasaa ibsaa jiru

Haaluma walfakkaatuun mootummaan Suudaan ji’a darbe hidhamtoota siyaasaa 80 hidhaa irraa gadlakkisee kan ture yoo tahu, hoogganaa paartii mormituu Sudanese Congress party Mr Khaalid umarii fi hoogganaa paartii Sudan Communist party Mr Mukhtaar Al-Khaaxib dabalatee hidhamtoonni siyaasaa heddu mana hidhaa kessatti kan hafanii turan tahuu odeeyfannoon arganne ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button